
Bulchiinsi magaalaa Adaamaa Ayyana Sooma hiikaa sababeeffachuun jiraattota galii gadi aanaa qabanii fi rakkoolee gara garaaf saaxilamaniif maaddii qoode.
Jiraattota magaalichaa harka qalleeyyii, maanguddoota, maatii hin qabnee fi qaama miidhamtoota 500 ol ta’aniif maaddiin qoodameera.
Kantiibaan magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee hojiilee inisheetivii gara garaa akka magaalichaatti hojjetamaa jiran irraa hawaasni fayyadamaa akka ta’u taasifamaa jiraachuu himaniiru.
Dhiibbaa jireenyaa hawaasa galii gadaanaa qabanii fi rakkoo hawaasummaa gara garaaf saaxilaman irra gahu salphisuufis bulchiinsi magaalichaa cimsee ni hojjeta jedhan.
Hawaasni magaalichaas akkuma kanaan duraa guyyaa Ayyaanaa kanattii waldeeggaruun dabarsuu akka qaban dhaamaniiru.
Aadaan wal deeggaruu uummata Oromoo biratti waggoota dheeraaf gaggeeffamaa ture akka magaalichaatti cimee itti fufuu kan himan itti gaafatamaa Buusaa Gonofaa damee Adaamaa Obbo Waadoo Abdulkariimi.