Hoji gaggeessitonni baankii Awaash riijinii Adaamaa sagantaa ashaaraa magariisaan duula dhaabbii biqiltuu gaggeessan.
1 min read

Hoji gaggeessitonni baankii Awaash riijinii Adaamaa sagantaa ashaaraa magariisaan duula dhaabbii biqiltuu gaggeessan.

Biqiloonni dhaabamaniis miidhaginaa fi gaaddisaaf kan oolan ta’uu ibsameera.

Daariiktarri baankii Awaash riijiinii Adaamaa obbo Margaa Axinaafuu  ashaaraan magarisaa dhaloota egeree fayyadamaa taasisuu keessatti shoora ol’aanaa qaba waan ta’eef hirmaannaa keenya cimsinee itti fufna jedhan.

Baankii Awaashitti hojii gaggeessaan damee Adaamaa obbo Abdurahmaan Amaan  baankichi biyyattii diinaagdeen utubuun cinaatti galma ashaaraa magariisaan mootummaan qabate dhugoomsuuf kutannoon hojjetaa jiraachuu himan.

Dhaabbiin biqiltuu kun marsaa 5ffaaf gaggeeffamuu himanii guyyaa har’aas biqiloonni 500 dhaabamuu ibsaniiru.

Hirmaattonni gama isaaniitiin biqiltuu dhaabuun qofti gahaa akka hintaane kaasanii bu’aa yaadameef hanga qaqqabutti kunuunsa barbaachisaa kan taasisaan ta’uu dubbatan.

Makkiyaa Muussaatu gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *