
Milkaa’inoonni bara 2017 damee ijaarsatiin argaman caalmaa hojii bara 2018tiif onnachiiftuu guddaadha jedhan itti gaafatamaan waajjira abbaa taayitaa konistiraakshiinii magaalaa Adaamaa Obbo Fiqaaduu Saatanaa.
Waajjirichi raawwii hojii bara 2017 fi kallattii hojii bara 2018 ilaalchisuun raadiyoo ABS addatti ibsa kenneera.
*******
Magaalaan Adaamaa magaalota akka biyyaa fi naannootti muuxannoo hundagaleessa qooduun beekamtuudha. Magaalittiin sadarkaa ijjarsaa, guddinaa fi hawwatamummaatiin magaalaa akkaan leellifamtu yoo taatu kana keessatti gaheen waajjira abbaa taayitaa konistiraakshiinii magaalichaa guddadha.
Magaalichatti Itti gaafatamaan waajjirichaa Obbo Fiqaaduu Saatanaa bara 2017 keessa aadaa bareedinaa fi ijaarsa magaalittii jijjiiruu keessatti hojiileen bal’aan hojjatamuu himan.
Keessumaa istaandaardiin halluu magaalaa akka sirratu gochuu, paakeejiwwan sadarkaa ijaarsaa hojirra oolchuun suuqiwwan aluminiyeemiin miidhagsuu, fageenya daandirraa qaban murteessuu fi diizaayiniiwwan gamoo fi ijaarsawwan biroo mirkaneessurratti hojiin bal’aan hojjatameera jedhan.
Gama birootiin piroojeektonni mootummaa fi dhuunfaa qulqullinaa fi ariitiin yeroo jedhame keessatti akka xumuramuuf too’aannoo fi hordoffii taasifamaa tureen milkaa’inni guddaan galmaa’uu danda’eera jedhaniiru.
Hojii tajaajila dijitaalessuutinis tarkaanifii gaariin tureera kan jedhan Obbo Fiqaaduun Pilaanii ijaarsaa guutummaatti kabachiisuu fi hojimmata fi tumaataalee waajjirichaa aanaalee magaalichaa hundarratti hojiirra oolchuurratti hanqinni jiraachuu ibsaniiru.
Bara 2018 hanqinoota dura turan fooyyessuu fi piroojeektota bulan xumursiisun cinaatti, aadaa itti fayyadama gamoowwanii jijjiiruu, tajaajila caalaatti dijitaalessuu, leenjii hubannoo bal’aa kennuu fi hojiiwwan biroo xiyyeeffannoo kan argatan ta’a jedhaniiru.
Firaa’ol Doddee