
Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa Awutoobisiiwwan ammayyaa sagal eebbisiisuun hojii eegalchiise.
Itti gaafatamaa waajjira pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Abdulaziiz Daawud dabalatee keessummoonni gara garaa sagantaa eebbaa kana irratti argamaniiru.
Awutoobisiiwwan kunneen karaa dhaabbata Invastimanti Giruuppii Adaamaatiin kan galan ta’uun sararoota bobbii 11 irratti tajaajila ni kennu jedhamee eegama.
Jiraattonni magaalichaa sagantaa eebbaa kana irratti argamanis awutoobisiiwwan kunneen rakkoo gejjibaa magaalattii kan furanidha jechuun dubbatu.
Gandoota baadiyyaa magaalattii jala galaniifis furmaata ni ta’u jedhanii akka abdatan ibsan.