
Wajjirri Carraa hojii Uumuu fi Ogummaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa fayyadamummaa Dargaggoota Dinagdee keessatti qaban Cimsuuf Leenjii hubannoo cimsuu Kenne.
Humna dargaggoota Amma jiru kana Dinagdeen humneessuuf aadaa hojii cima uumuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba kan jedhan Obbo Abdulqadiir Bulchiinsi Magaalichaas kana dhugoomsuuf hojiitti kan seenamee akka ta’e dubbatan.
Itti Aanan Kantibaa fi Qindeessaan Kilaastara Dinagdee Obbo Maatiyos Sabooqaa erga dabarsaniin akka Magaalichaatti Lammiilee Kuma 60 ol ta’aniif Carraa hojii Uumuu karoorfamee hojjetamaa Jirachuu kaasanii,pooteeshaala carraa hojii bal’a Magaalichii qabu addaa baasuun hawaasaa bal’a fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa Jira jedhan.
Dinagdee Sochoosuu keessatti gaheen inisheetiviin qabu olaanaadha kan jedhan Obbo Maatiyos dargaggoota immoo inisheetivii kanneen keessatti hirmachiisuun irraa fayyadamoo akka ta’aniif xiyyeeffannoon ni hojjetamaa jedhan.
itti gaafatamaan Gurmuu dargaggoota Magaalaa Adaamaa Dargaggoo Oliifan Girmaa dargaggoota Magaalichaa fayyadamummaa Dinagdee keessatti qaban guddisuf inisheetivii adda addaa keessatti hirmachuun irraa fayyadamoo akka ta’aniif marii hubannoo cimsuu Kennamee ta’u himan.
Jaarmiyaan dargaggoota maricha irratti argamaan gama isanittin Dargaggootni Wiirtuu lafee dugda biyyaa tokkootti jedhanii,carraa argamee kanatti fayyadamuuf qophii ta’u himan.
Gabaasni kan Tashoomaa Urgiiti.