Baankiin Awaash Riijinii Adaamaa Hawaasa Muslimaa Maamiltootasaaf Sagantaa Ifxaaraa Gaggeesse.
Baankiin Awaash Riijinii Adaamaa Hawaasa Muslimaa Maamiltootasaa Adaamaaf Sagantaa Ifxaaraa Gaggeesse.
Hooggantootni fi hawaasni muslimaa maamiltoota baankii Awaash saganticharratti argamaniiru.
Baankichi dameewwan garagaraa biyyattii keessa jiran jalatti hawaasa muslimaa maammila ta’an miliyoona 3.5 horateera jedhan hojigaggeessaa Olaanaan Dhimmoota Maarkeetiingii Baankii Awaash obbo Yohaannis Margaa.
Tajaajila Baankii dhalarraa bilisaa dameewwan hundatti kennamu dabalataatti Awaash Iklaas moggaasa jedhuun dameewwan 50 guutummatti tajaajilichaaf oolfamaniiru jedhan.
Qarshii biliyoona 27 tajaajila Faayinaansii halaaliin hawaasichaa dhiyeessuu akkasumas imala hajjiirratti rakkoon sharafa alaa akka hin mudanneef mijeessuun tajaajiltummaasaa qabatamaan agarsiisuu ibsan.
Baankiin keenya dirqama hawaasummaatiin keessumattuu ji’a ramadaanaa kana keessa deeggarsa meeshaalee garagaraa harka qalleeyyiif taasisaa tureera kan jedhan immoo Baankii Awaashitti Daareektara Riijinii Adaamaa obbo Margaa Axinaafuuti.
Sagantaan Ifxaaraa qophaa’ee kunis qaama tajaajilichaa ta’uu eeranii, kunimmoo hariiroo gaarii cimsuun amantaa maamiltootni baankicharraa qaban dabalee sochiin faayinaansii nu faana taasisan akka dabalu tolcheera jedhan.
Pirezidaantiin Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Adaamaa Sheek Maahmud Huseen gamasaanitiin Baankiin Awaash sochii gama hundaan manni marichaa taasisu faayinaansiin deeggaruu keessatti adda durummaan ibsama jedhan.
Sagantaa Ifxaaraa qopheessuunis kabajaa fi jaalala maamiltoota Hawaasa muslimaaf qaban caalatti agarsiisuusaaniif ni galateeffannaa kaasan.
Jamaal Kadiir
