Walharkaa fuudhiinsi meeshaalee waraanaa guguddaa eegalamuun waliigalteen nageenyaa qabatamaa ta’uu eegaluu kan argisiisuudha-Dooktar Laggasaa Tulluu

03/05/2015

ABS(Adama Broadcasting Service)

Walharkaa fuudhiinsi meeshaalee waraanaa guguddaa eegalamuun waliigalteen nageenyaa qabatamaa ta’uu eegaluu kan argisiisuudha-Dooktar Laggasaa Tulluu

*********************************************

Raayyaan Ittisa Biyyaa ABUT harkaa meeshaalee waraanaa guguddaa fuuchuu eegaluun waliigalteen nageenyaa qabatamaa ta’uu eegaluu kan argisiisuudha jedhan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun.

Dooktar Laggasaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, bu’uura waliigaltee Piriitooriyaan Raayyaan Ittisa Biyyaa hidhattoota ABUT irraa meeshalee waraanaa guguddaa fuuchaa jira.

Kunis waliigalteen nageenyaa qabatamaa ta’uu eegaluu kan argisiisu ta’uu himanii, mootummaan Ityoophiyaa waliigalteen nageenyaa akka galmaan ga’uuf murannoo guutuun hojjechaa jira jedhaniiru.

Dooktar Laggasan, dhiyeessiin deeggarsa namoomaa gufannaa tokko malee naannawaa waraanaan miidhaman hundaa akka qaqqabuu taasifamaa jiraachuu, mootummaan tajaajila geejjibaa qilleensaa dabalatee tajaajilli idileen akka eegalu taasiseera jedhan.

Waamicha waliigaltee nageenyaa taasifameen naannawaa garaagaraatti miseensonni garee hidhattoota seeraan alaa gara jireenya idileetti akka deebi’aniif hidhanoo guutuu waliin qaamolee nageenyaatti harka kennachaa jiru jedhan.

Kunis cimee akka itti fufuuf qaamoleen dhimmichi ilaallatu tumsa barbaachisaa taasisuu akka qaban eeraniiru.

Naannawaa garaagaraatti kan socho’an hidhattonni seeraan alaa hidhannoo isaanii hiikkachuun gara jireenya idileetti akka deebi’an, hawaasanis gahee isaa bahachuu qaba jedhanii, nageenya irraa hunduu walqixa fayyadaamaa fi kan buufatu ta’u himaniiru.

Rakkolee fi gaaffilee ummataa furuu fi deebisuun kan danda’amu nageenya waaraa mirkanneessuun ta’uu ibsaniiru.

Kunis akka dhugoomuuf wareegama kamuu kaffaluuf qophii ta’uu qaba jechuun hubachiisaniiru.

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice

Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa

tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama

SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *