Baankiin daldala Itoophiyaa distiriiktii Adaamaa waajjira dhimma hojjataaf hawaasummaa magaalichaa waliin ta’uun ayyaana Faasikaa sababeeffachuun qaamaa miidhamtoota harka qal’eeyyii 100 ta’aniif deeggarsa adda addaa taasise.………………………………………Baankichi aadaa fi duudhaa walgargaarsaa biyyattiin qabdu bu’uura godhachuun qaama miidhamtoota harka qal’eeyyii 100 ta’aniif deeggarsa maallaqaa,zayitaa fi daakuu qarshii kuma 360 olitti shallagamu taasisuu hojigaggeessaan distiriiktichaa Obbo Dirribaa Mokonnin ibsaniiru.
1 min read

Akka biyyaattis baankiin daldala Itoophiyaa baatiwwan saglan darban qofa qashii miil.400 fi kuma 50 ol baasii taasisuun hojiilee tola ooltummaarratti hirmaachaa turuu himaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira kantiibaa magaalaa Adaamaa Obbo Bariisoo Doorii
Baankiin daldala Itoophiyaa baankii ummataa misooma biyyaa keessatti gahee adda durummaa qabu ta’uu himuun deeggarsa baankichi namoota harka qal’eeyyif taasise galateenfataniiru.

Itti gaafatamtuun waajjira komunikeeshinii magaalichaa aadde Amiinaa Inkush deeggarsa baankichi taasiseef galateenfachuun, deeggarsi dhaabbileen adda addaa itti fufiinsaan taasisan eeggattummaa harka qal’eeyyii kan hambisu ta’uu akka qabu dhaamaniiru.

Namoonni gargaaramanis deeggarsa isaaniif taasifameef galateenfataniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *