Bulchiinsa magaalaa Adaamaa Aanaa Wanjiitti miseensotni mana maree bakka bu’oota ummaata fi Caffee Oromiyaa ummata waliin marii gaggeesse.
1 min read

Bulchiinsa magaalaa Adaamaa Aanaa Wanjiitti miseensotni mana maree bakka bu’oota ummaata fi Caffee Oromiyaa ummata waliin marii gaggeesse.

Maricha irratti afyaa’ii mana maree Magaalaa Adaamaa Aadde Immabeet Jibbaa dabalatee hoggansa kutaa Magaalaa , aanichaa fi hawaasni Kutaalee garaagaraa aanichaa hirmaataniiru.

Afyaa’iin mana maree Magaalaa Adaamaa Aadde Immabeet Jibbaa Kaayyoon marii Uummataa kunis akkaataa qajeelfamaafi danbii Mana Mareetiiin miseensotni Paarlaamaafi Caffee Oromiyaa ji’a jahaan (6) gadi bu’anii uummata isaan filate waliin marii akka gaggeessan kan ibsudha jedhan.

Hawaasni maricha irratti hiramatanis Jijjiirama dhufeen qaala’insi jireenyaa fooyya’e jiraachuu fi tajaajilli Lammummaa cimee itti fufee jiraachuu akka ciminaatti ibsuun, Rakkoolee bishaan Dhugaatii,Daandii Wanjiiti gara Adaamaa deemu sirrachuu dhabuu, hoji dhabdummaan baayyachuu fi gaaffilee garaagaraa dhiyeessaniiru.

Gaaffii fi yaada hawaasni kaasan irratti Miseensi Paarlamaa Naannoo Adaamaa Obbo Kadir Gannaa yaada kennaniin, Hawaasni jalqaba biyya ofiif dursa kennuun diinaaf daandii kennuu dhiisuun Misooma biyyichaaf xurree saaqaa jedhan.kunsi hawaasni ofii fi biyya isaa eeggachuun murteessaa akka ta’e kaasan.kun immoo rakkooleen bu’uuraalee misoomaa fi Nageenyaaf akka furamaniif Isa ijoo akka ta’e himan.

Kanaafiyyuu mariin murteessaa akka ta’e himuun mootummaa waliin hojjechuun misoomaa fi nageenya biyyichaa mirkaneessuun Isa murteessaadha jechuun dhaaman.

Miseensi Caffee fi Bakka Bu’aan Ummataa Aanaa wanjii Obbo Qumbii Loongalee Mootummaan paartii badhaadhina wareegama qaaliidhaan qormaatilee hedduu keessa biyya dabarsee asiin gahee fi mootummaa uummataaf hojjetuudha jedhan.keessattuu jijjiiramni jiru kan baroota kanaan duraan faallaa fi jijjiirama guddaa mootummaa fide tahuu himan.dhimmoota Nageenyaan walqabatanfi rakkoolee bu’uuraalee misoomaan Wal qabatan irratti furmaatni kan itti kennamu ta’uu maricha irratti dubbataniiru.
Amaanu’eel Daggafaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *