
Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti waajjirri qonnaa Aanaa Malkaa Adaamaa jiraattoota aanichaa hirmaachisuun hojii tola ooltummaatiin aramaa maasii qonnaan bulaa gageessee.
Kaayyoon isaa sababa humna fi kunuunsa dhabuutiin oomishnii midhaanii xiqqaachuu akka qabne yaadamee ta’uu ibsameera.
Namoonni aramaa midhaanichaa irratti hirmaatan yaada ABS’f kenannin hojii tola oltummaatiin qonna irratti hirmaachuun karoora mootummaan gama kanaan qabate milkeessuu cinaatti aadaa walgargaruu gama cimsuutiin shoora ol’aanaa qaba jedhan.
Itti gaafatamaan waajjira qonnaa aanaa Malkaa Adaamaa obbo Darrasaa Gammachuu akka aanichaatti lafa heektaara 2329 irratti midhaan gosa garagaraa misoomfamaa jiraachuu himan.
Oomishaa fi oomishtummaa dachaan dabaluuf hordoffii fi deeggarsi itti fufiinsaa taasifamaa akka jiru kaasanii keessattu kunuunsa midhaanii irratti qonnaan bulaaf leenjiin hubannoo uumuu kennameera jedhan.
Makkiyaa Muussaattu gabaase