Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa Mana jireenyaa ijaaruun Maatii Gargaaraa Komishineraa Olii Fayyisaatiif dabarsee kenne.
1 min read

Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa Mana jireenyaa ijaaruun Maatii Gargaaraa Komishineraa Olii Fayyisaatiif dabarsee kenne.

Siidaan yaadannoo ajajaa Qajeelcha Olaanaa Eegumsa VIP Poolisii Oromiyaa duraanii Gargaaraa Kominikeeshinera Olii Fayyisaa awwaala isaaniirratti ijaarames bakka Hoggantootni olaanoo naannoo Oromiyaa,  Magaalaa Adaamaa fi jaallattootni fi dinqisifattootni isaanii argaminitti eebbifame.
*****
Saganticha irratti Itti Aanaan Waajjira pirezedaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Taarreqeny Adimaasuu haasawaa taasisaniin Gargaaraa kominikeeshinera olii Fayyisaa hojii inni bara jireenya isaa keessatti hojjeteen jaalalli inni biyya isaaf qabu olaanaa ture jedhan. Kana malees bu’ aa inni hojjetes seenaa  keessatti kan galmaa’ee hafu ta’uu himan.

Mootummaa fi ummannis maatii Isaa cina dhaabbachuun rakkoolee maatii isaa qooddachuu akka qabu ergaa dabarsaaniruu.

Manni maatii gargaaraa komishineraa Olii Fayyisaatiif akka ijaaramuuf qaamolee Qindeessaa turanis galateeffatan.

Haati warra gargaaraa komishineraa Olii Fayyisaa Aadde Dastaa Dajanee qaamoolee ijaarsa siidaan fi manichaa keessatti qooda fudhatan galateeffataniiru .

Gargaaraan Komishinerri olii Fayyisaa sadarkaa naannoo Oromiyaatii hanga hoggansa olaanootti Biyyaa fi ummata isaanii Tajaajila turuun balaa konkolaataan lubbuun isaanii addunyaa kana irraa caamsaa 27 bara 2017 waggaa 52ffaa isaaniitti darbuun ni yaadatama.
Amaanu’eel Daggafaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *