Injifannoon Adwa mallattoo tokkummaa, gootummaa fi birmadummaa Itoophiyaa ti.
Itoophiyaan biyya sabaafi sablammootni garaagarummaan isaanii osoo hin daangessin yeroo rakkoon guddaan birmadummaa isheetti dhufu tokkummaan dhaabbatanii diina waloon qolataniidha.
Bara 1888tti yeroo humni alaa biyya keenya koloneeffachuuf dhufe, uummanni amantaa fi afaan garaagaraa qabu kaayyoo tokko jalatti walitti dhufe. kaayyoon sunis bilisummaa fi kabajaa biyya isaanii ture. Humni diinaa meeshaa waraanaa gurguddaa qabaatus, murannoo fi tokkummaan uummata Itoophiyaa isa caale.
Har’a Adwaan injifannoo Itoophiyaa qofa osoo hin taane injifannoo gurraachota addunyaa maraati. Yeroo Afrikaa hedduun koloneeffatamte keessatti, Itoophiyaan bilisummaa ishee eeggachuu dandeesse jechuun addunyaaf barnoota guddaa ture.
Gurraachi adii mo’achuu akka danda’us ifatti Addunyaatti agarsiise. Uummatni cunqurfamoon abdii kutachuu caala akka abdii horatan taasise. Kanaaf injifannoon dirree Adwa seenaa Itoophiyaa qofa keessatti daangeffamu osoo hin taane, seenaa hawaasa gurraacha addunyaati.
Barnoonni guddaan Adwaan nuu dabarsus, tokkummaan humna ta’uu isaati. Abbootiin keenya garaagarummaa isaanii cinaatti dhiisuun birmadummaa biyya isaanii dursanii waliif birmachuun seenaa haaraa dhalootaaf kaa’anii darban.
Tokkummaan isaanii gaachana, jaalalli biyya isaanii immoo humna isaanii ture. Dhaloonni har’aa dhaloota dhaala akkasii qabuudha.kana eeguu fi itti fufsiisuun immoo dirqama dhaloota har’aati.
Har’a diinni keenya waloo bifa biraa qabaachuu danda’a. Garuu furmaanni isaa akkuma kaleessa tokkummaa dha. Yoo wal kabajne, yoo wal bira dhaabbanneefi kaayyoo biyya ijaaruuf waloon hojjenne injifannoo haarawaa galmeessuu akka dandeenyu dhaloonni kaleessaa nu barsiisaniiru.
Injifannoon kaleessaa akka mataa ol qabannee jiraannu nu taasisuun, nurras darbee gurraachonni addunyaa maraa akka kabajaman bu’uura ta’e. Kanaaf dhaloonni har’aa gootummaa fi murannoo abboota keenya irraa dhaalle hojii qabatamaan mul’isuun seenaa isaanii irra deebiin hojjachuun dirqama abboota keenyarraa dhaalleedha.
Akkuma abbootni keenya injifannoo Adwaatiin gootummaa nu dhaalchisan nuti ilmaan isaaniis maallaqa,beekumsaafi humna keenyaan Hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa milkeessuun dhaloota kennata hin nyaanne taaneerra. Ulaa galaanaa shira keessaafi alaatiin dhabnes deebisnee argachuun hojmanee dhaloota har’aati.
Walumaagalatti Itoophiyaan irree fi gootummaa ilmaan isheetiin dirree kamittuu injifatamtee hin beektu.Akkuma kaleessa Adwaan abdii dhalootaa ta’e,har’as dhaloonni kun waan dhaloota boruutiif abdii ta’u kaa’ee darbuu qaba.BKO
Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa
Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635
Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
