
Kallaatti fi murtoo yaa’ii 2ffaa Paartii Badhaadhina irratti Bulchiinsi Aanaa Irreechaa marii Kutaalee Hawaasa adda addaa hirmachiiisee gaggeesse .
***
Paartiin Badhaadhinaa yaa’ii 2ffaa mata duree “Waadaa hanga aadeffannaatti” jedhuun gaggeesseen dhimmoota garaa garaa irratti murtee dabarsuun kallattii kaa’uun isaa kan yaadatamu akka ta’e Barreeffama mariif dhiyyaate keessatti ibsamee Jira.
Murteewwanii yaa’ii kanaan darbanii fi kallattiiwwan kaa’aman kunniin gaaffiilee hawaasaa rog-daneessa ta’aniif deebii kan kennan akkasumas fedhii fi faayidaa uummataa kan bu’uureffatan ta’uu kutaaleen hawaasaa Aanaa Irreechaa marichaa irratti hirmaatan ibsaniiru.
Gama birattin rakkoon Bulchiinsa gaarii Akka aanichaatti jiru, qulqullinni Naannoo, Inshuuransiin fayyaa hawaasaa,Misoomni Kooridarii Xiyyeeffannoo argachuu qabas kaasan hawaasni Aanichaa .
Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Irreechaa Obbo Gobaanaa Guddaata Hojiirra oolmaa murtoo fi kallattiiwwan yaa’ii 2ffaa Paartii Badhaadhina qixaan hojiirra oolchuudhaan mul’ata badhaadhina hunda galeessa dhugoomsuuf qabame fiixaan baasuuf Mariin hawaasa murteessaadha jedhan.
Rakkoo Kenna tajaajilaa Hawaasa Aanichaa Si’aata, Ariifata fi dhaqqabamaa gochuuf wiirtuu Kenna tajaajilaa Gaddisaa Odaa Sadarkaa aanichaatti jundeessuun tajaajilaa si’aata Kenna jirachuu ibsaniiru.
Itti gaafatamtuun Ijaarsa Paartii Badhaadhina Kutaa Magaalaa Danbalaa Aadde Zamzam Huseen gama isanittin kallaatti ka’aniin Ijaaramaa Sadarkaa Zoonii cimsuun tajaajilaa Hawaasa si’aata ariifata fi Qulqullina qabu uumuuf yeroo kamuu caalaa hojjetamuu qaba jedhan.
Rakkoolee muldhaatu kamuu mariif marabbaadhan hikkamaa deemamee imala Paartii Badhaadhina milkkeessuuf ni danda’amaa jedhan.
Gabaasni kan Tashoomaa Urgiitti.
admin
Related Posts

Walqixxummaan Dhabamuu fi Sarbamni Mirga Dimokraasii Ka’uumsa Qabsoo Ta’uun Biyyattiitti Jijjiiramni Akka Dhufu Tolcheera Jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Adaamaa obbo Ashannaafii Ajjamaa.

Magaalaa Adaamaatti Hospitaali Waliigala Awaash Guyyaa ayyaana Kalee akka Addunyaatti March 13 kabajamu sababefachuun yaalii bilisaa Kalee taasise.
