Magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Abbaa Gadaatti Kabaja Ayyaana faasikaa sababeeffachuun duulli qulqullina naannoo gaggeeffameera.
1 min read

Magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Abbaa Gadaatti Kabaja Ayyaana faasikaa sababeeffachuun duulli qulqullina naannoo gaggeeffameera.

Duulli qulqullinaa kunis hooggansa fi hordoftoota amantaa Islaamaa aanicha keessa jiran kan hirmaachisedha.

itti gaafatamaa waajjira paartii badhaadhinaa Aanaa Dagaagaa obbo Tashoomaa Damee duulli qulqullinaa kun hordoftoota amantaa Islaamaa aanicha keessa jiran kan hirmaachisedha jedha.

Fula durattis akka aanichaatti bakkeewwan kosiin irratti gataman qulqulleessaa, hojii misooma Ashaaraa magariisaa babal’isuun cimee kan itti fufu ta’uus himaniiru.

Hojiin qulullina naannoo kun hawaasa biratti aadeffamee itti fufuu akka qabu kaasuun, hojichi miidhagina magaalaa dabaluun maddiitti dhibeewwan garaa garaa foolii balfaa kanaan dhufuu malan ofirraa ittisuufis ni gargaara kan jedhan ammoo itti gaafatamaa waajjira paartii kutaa magaalaa Abbaa Gadaa Obbo Abdoo Mahaamad.

Kanneen duula qulqullinaa kana irratti hirmaatan tokko tokkos Magaalaa keenya qulqulleessuun fayyummaa keenyaaf murteessaa ta’uun cinaatti hawwatummaa Magaalaa keenyaa kan dabalu waan ta’eef hojii qulqullinaa kana idileeffachuun cimsinee itti fufna jedhan.

Hawweeraa Fiqaaduu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *