
Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Bokkuu Shananii aanaa Haroorettiitti hawaasni Zoonii waaqee miyaa fi Xiyyoo qaamolee nageenyaa milishaa zoonichaaf Ooyiruu isaanii qotuun sanyii qamadii facaasaniif.
Itti gaafatamaan Bulchiisaa fi nageenyaa kutaa Magaalaa Bokkuu Shananii Obbo Darajjee Dabalaa caasaan kun hojii nageenyaa eegisisuu irratti babba’ee jiru cimsee akka hojjetuuf qonnaan bultoonni fedhiif kaka’umsa mataa isaaniin oyiruu qaamolee nageenyaa kanaa qotuun isaanii hojii jajjabeeffamuu qabudha jedhan.
Gandoota baadiyyaa kutaa magaalichaa rakkoon nageenyaa duraan keessaa turan keessaa zooniin waaqee miyaa fi Xiyyoo tokko ta’uu kaasuun tasgabbii amma dhufeef gaheen caasaa milishaa olaanaa ta’uu kan dubbatan immoo itti gaafatamaa waajjira milishaa kutaa magaalaa Bokkuu Shananii obbo Kamaal Jamaali.
Itti gaafatamaan waajjira Bulchiinsaa fi nageenyaa Aanaa Haroorettii obbo Dammee Bajigaa miseensota milishaa nageenya hawaasaa tiksuuf dirqama irraa jiran milishoota 87f zooniwwan kunneen keessatti lafa hektaara 8.5 qotuun haawaasni zoonichaa sanyii qamadii facaaseeraaf jedhan.
Facaasuu qofa osoo hin taane haga sassaabbii isaattis qonnaan bultoonni kunniin deggersa barbaachisaa maatii caasaalee nageenyaa kanaaf akka taasisuu qaban dhaamaniiru.
Kan gabaaste Hawweeraa Fiqaaduu