Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Booleetti bulchiinsi  Aanaa Dhaddacha Araaraa Giddu-gala Gabaa Kuduraafi Muduraa eebbisiisuun  Ifatti Hojii Eegalchiise.
1 min read

Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Booleetti bulchiinsi  Aanaa Dhaddacha Araaraa Giddu-gala Gabaa Kuduraafi Muduraa eebbisiisuun  Ifatti Hojii Eegalchiise.

Giddu galichi  Rakkoo Hawaasa Aanichaa Furuuf Kuduraafi Muduraa gatii madaalawaan dhiyeessuun hawaasicha tajaajiluuf guyyaa har’aa hojii isaa ifatti eegaleeti jira.

Bulchituun Bulchiinsa Aanaa Dhaddacha Araaraa Aadde Zamzam Kadiir hawaasni aanichaa rakkoo qaala’iinsa gabaa fi baasii humnaa oliif akka hin saaxilamneef Iddoo hawaasichaaf dhihoo tahetti Oomisha kuduraafi muduraa kana kallattiin akka gatii madaalawaan bitatan taasisuu himan.

Itti gaafatamtuun Waajjira Daldalaa Kutaa Magaalaa Boolee Aadde Zeeytunaa Usmaan,kaayyoon Giddu gallichaa  hawaasa aanichaaf kuduraafi muduraa gatii madaalawaan dhiyeessuufiin cinaattis hoji dhabdootaaf hojii guyyaatiin carraa  hojii uumuufii himanii, kun immoo aanaawwan kutaa magaalichaatti akka babal’atuuf  hojjachaa jiraachuu himaniiru.

Hoj-raawwachiisaa Itti – aanaan Kutaa Magaalaa Boolee Obbo Muktaar Jeylaan Sagantaa Jalqabbii hojii Guddu -gala Gabaa kanarratti argamuun Ergaa Dabarsaniin Abbootiin qabeenya Oomishaa,  gatii madaalawaan osoo faddaalaan tokko gidduu hin galin kallattiin akka hawaasa isaanii fayyadan dhaamaniiru.

Namoonni waldaa giddu- gala gabichaatiin gurmaa’an dubbisnes haalli kun isaanis qaamolee isaan irraa bitatanis fayyadamaa taasisuun kan isaan gammachiise tahuu dubbatu.

Jiraattonni aanichaa yoo kuduraafi mudura bitatan dubisnes gatiin dhiyeessii ittiin argatan kan isaan gammachiise tahuu kaasuun hedduminnaan akka babal’tuuf gaafatan.
Madiinaa Jaarsoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *