Magaalaa Adaamaatti guyyaa yaadannoo injifannoo Adawaa waggaa 130 ffaaf kabajamu sababeefachuun dargaggoota magaalichaa waliin mariin paanaalii gaggeeffame.
23/06/2018
ABS(Adama Broadcasting Service )
Magaalaa Adaamaatti guyyaa yaadannoo injifannoo Adawaa waggaa 130 ffaaf kabajamu sababeefachuun dargaggoota magaalichaa waliin mariin paanaalii gaggeeffame.
Sagantaa ayyaana guyyaa yaadannoo injifannoo Adawaa waggaa 130 ffaaf marii paanaaliin dargaggoota magaalichaa waliin mata duree “imaanaa Adawaa tokkummaa ,birmadummaa fi olkaa’insa biyyaaf ”jedhuun kabajanii jiru.
Barreefama sanada ka’uumsa mariif ta’u kan dhiyeessan itti gaaftamaan ijaarsa paartii badhaadhinaa magaalaa Adaamaa obbo Adam Faqoo akka jedhanitti baga guyyaa kabaja ayyaana injiifannoo ummata guraachootaa Adawaa waggaa130ffaatiin nagaan geessan jechun injifannoo Adawaa Itiyophiyaanootaaf yaadannoo seenaa qofa oso hin taanee yeroo nuti fundurrattis weerartootaaf hin jilbbifamne , milkaayinota darban kunnunfachuun seneessa waloo fi tokkummaa cimsuun dhaloota dhufuuf seenaa kana kan dabarsaa deemnu ta’a jedhan.
Dargaggoonni marii paanaalichaa irratti hirmaatan akka jedhanitti Adwaan mallattoo injifannoo qofa oso hin taanee mallattoo tokkummaa addunyaaf beeksise ta’uu hubachuun seenaa yaadannoo kana dhaloota dhufuuf dabarsaa injifannoo misoomaa fi nageenyaa Adawaa biroo bu’aa galmeessuuf cichinee hojjachuun dantaa biyyooleessaa keenyaa eeguu qabna jedhan.
Itti anaa kantibaa fi qiideessaan kilaastara dinagdee magaalaa Adaamaa obbo Maatiwoos Sabboqaa akka jedhanitti seenaa biyya keenya ijaaruu,eeguu fi warreegamuu keesatti Oromoo gahee lencaa bahuu ibsuun injifannoo Adawaarraa waan heddu barachuu dandeenya kanaaf ammoo icitiin kutannoo,cichoominaa fi tokkummaa qabaachuu ta’uu ibsan.
Rayyaa Ittisa biyyaatti Hoganaan Ajajaan waraana makanaayzidii Leetanaal jeneraal Kaffaaloo Amdee ergaa dargaggootaf dabarsaniin akka jedhanitti seenaa Adawaa abbootiin keenya nutti kennan yaadachaa seenaa haarawa hojjechaa injifanowwan waliigalaan yeroo ammaa argame kanneen kunnunfachaa deemuu qabna jedhan.
Taayyee Abarraatu gabaase
Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa
Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635
Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
