Manni murti olaanaa Magaalaa Adaamaa himatamtoota daldala kontirobaandii warqee  tilmaama qarshii miliiyoona 98 ol baasu karaa seeraan alaatiin dabarsuuf yaalan hidhaa  waggaa 2 fi baatii 3 ‘n adabe.*********Daldalli seeraan alaa fi  kontirobaandii  fayyaa lammiilee fi dinagdee biyyatti irratti miidhaa dhaqabsiisu olaanaa ta’uu ragaaleen jiran ni muldhisu.Haaluma kanaan daldallii seeraan alaa fi kontirobandii eeruu hawasaa fi tumsa caasaa nageenyaa fi biroo taasisaniin yeroo adda addaatti  to’atamuun muurtiin barsiisoo ta’e yoo kennamu ni muldhata.Bu’uuruma kanaan Sochiin daldala seeran alaa fi kontirobaandii iddoo biroo irraa ka’uun yeroo adda addaatti tumsa eeruu hawasaa fi caasaa nageenyaan magaalaa Adaamaattis to’atamaa jira.
2 mins read

Himatamtoonni maqaan isaanii Garansaay shimaddiin gabrasaamu’el  fiGideey gabrakiristoos Dastaa jedhaman  konkaachisaa fi gargaaraa isaa waliin ta’uudhaan gaafa guyyaa 20 /5/2017  ganama  keessa sa’aa 4  irratti Aanaa Solloqee dongoree iddoo Aaddaa kellaa kurfaatti konkolaataa Isuzii  ka’uumsa magaalaa finfinnee irraa gara magaalaa walancitii imaluuf wayita kellaa ga’uu sakkat’iinsa taasifameen warqee muraa 6 giraama kuma 8 fi 600  uulfaatu qarshii miiliyoona 98 fi 946 ol  baasu konkolaataa Isuzuu fee’iisaa meeshaa  lakka.gabatee isaa kodii 3A64452A.A ta’e keessatti karaa seeran alaatiin dhoksuun wayita dabarsuuf yaalanitti to’atamuu seera jala erga olanii booda  Abbaan Alangaa magaalaa Adaamaa himata irratti  bana.

Himatamtoonis ragaa ittisaa dhiyeefatan manni murtii ragaa namaa fi Aabbaa Alangaa magaalichaa fi himatamaa1ffaa  bu’uura taasifachun  kuufaa jalaa  taasisuun himatamtoonni kunis yakka daldala kontirobaandii warqee seeraan alaa qaama 3ffaa finfinnee jiruu iraa ajaja  fudhachuun  gara  naannoo Tigraay magaalaa maqalee  geessuuf ayyama daldalaa warqee  osoo hin qabaatin dhooksuuf yaaluun yakka guddaa ta’uu fi dinagdee biyyaa irratti miidhaa guddaa kan dhaqabsiisu ta’uu osoo beekanuu ta’e jedhanii itti yaaduun yakka kana raawwachuu dhadacha irratti ibsamee jira.

Abuukaatoonni himatamtootaaf dhaabbachuun falman himatamtonni kun kanaan dura yakka hojjatanii kan  hin beekne,uumrii dargaggummaa keessa kan jiranfi  maatii kan bulchan waan ta’eef  adabbin akka salphatuuf qabeenyii  konkolataa abbaa qabeenyaaf akka deebi’uuf gaafata.

Abbaan Alangaa magaalichaas himatamtoonni kun sadarkaa yakka daldala kontirobaandii warqee seeraan ala dabarsuutiin  miidhaa guddaa biyyatti irraan gahu tilmaama  keessa galchuun adabbiin barsisaa ta’e akka itti kennamu gaafachuun  fi qabenyii ciraan warqee fi konkokaataa waliin qabamees mootummaan akka dhaalamu gaafata.

Manni murtii olaanaa magalaa Adaamaas ragaa bitaa fi mirgaa dhiyaate madaaluun isaanii fi  fakkaatoota isaanii ni barsiisa jedhee amane  dhadacha gaafa guyyaa 17/ 8 /2017 oleen bu’uura  seera yakkaa keeyyata 88 keeyyata xiqaa 2 tiin tokkon tokkon isaanii irratti hidhaa waggaa 2fi baatii 3 fi maallaqa kuma shaniin adabuun qabeenyii ciraa warqee  mootummaaf galii akka ta’u murteessee jira.
Taayyee Abarraatu gabaase

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *