Milkaa’inni hojii misooma koriidarii magaalaa Adaamaarratti mul’ate ilaalcha ‘hindanda’amu’ jedhu kan cabse ta’uu itti gaafatamaan waajjira paartii badhaadhinaa magaalaa Adaamaa obbo Ashannaafii Ajjamaa
1 min read

Milkaa’inni hojii misooma koriidarii magaalaa Adaamaarratti mul’ate ilaalcha ‘hindanda’amu’ jedhu kan cabse ta’uu itti gaafatamaan waajjira paartii badhaadhinaa magaalaa Adaamaa obbo Ashannaafii Ajjamaa

Milkaa’inni hojii misooma koriidarii magaalaa Adaamaarratti mul’ate ilaalcha ‘hindanda’amu’ jedhu kan cabse ta’uu itti gaafatamaan waajjira paartii badhaadhinaa magaalaa Adaamaa obbo Ashannaafii Ajjamaa himan.
Hojichi qindoominni ogummaa hedduu kan irratti mul’ate ta’uus dubbataniiru.
****
 
Hojii
n misooma koriidarii magaalattii dursa haaldureewwan milkaa’inasaaf gumaachan raawwachuun eegalame jedhan Ittigaafatamaan  waajjira Partii  Badhaadhinaa Damee Magaalaa Adaamaa obbo Ashannaafii Ajjamaa ibsa Adaamaa Biroodkaastiig Sarvisiif kennaniin.
 
Yaadama magaalomsuu qabatamatti hiikuu keessstti shoora kan qabaatu hojiin misooma koriidarii tarkaanfilee magaalattiin keessumattuu gama tajaajila ammayyaa’aa fi si’ataa kennuuf adeemteen wal unachuun keessatti akka muldhate eeran.
 
Kunimmoo bu’uura waan hundaa kan ta’e hawaasa magaalattii mariisisuun dhimmicharratti waliigalteen erga uumamee hirmaannaa hundagaleessa akka taasisu gochuun milkaa’uu himan.
 
Hojichi tabbawwan gurguddaa fi daandiiwwan dhedheeraa ni danda’ama hin jenne diiguun misoomsuun kan itti danda’ame ta’uu kaasanii, tokkummaa fi cichoominaan sochoonaan galmi hin qaqqabamne akka hin jirreef kun fakkeenya olaanaa ta’uu dubbatan.
 
Magaalattiitti bara kana jalqabumarraa eegalee dhimmoota olka’iinsa  magaalaa fi biyyaaf gahee  bahatan raawwatamuu akka danda’ames himan.
Hojiin misooma koriidarii magaalaa Adaamaa kun qindoominni ogummaa danuu kan keessatti mul’ate ta’uus dubbatan.
 
Milkaa’inoota hanga ammaa galmaa’an dhadhaabbata taasifachuun karoora ittaanu milkeessuuf hawaasni akka waliigalaattii akkasumas hooggansi sadarkaan jiruu fi qooda fudhattootni akkuma baratame hirmaannaa qindoomina olaanaa qabu taasisuu qabuu dhaaman obbo Ashannaafiin.
 
Jamaal Kadiir
 
 
 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *