
waajjirri Bulchiinsaf Nageenyaa Magaalaa Adaamaa akkaata Nageenyaa Magaalichaa itti fufsiisuun danda’amuu irratti Hojjettoota egumsaa Dhabbilee dhunfaa waliin marii gaggeesse.
****
****
Mariin gaggeeffamee Kun qindoominna Wajjiira Bulchiinsaf Nageenyaa Magaalichaa, Wajjiira Milishaa fi Qajeelchaa Olaanaa Poolisii Magaalichaa waliin ta’unii.
Biyyi tokko misoomni ishii akka ariifatu gochuu fi uummanni misooma irraa fayyadamaa akka ta’u gochuun kan danda’amu yoo nageenyi amansiisaan jiraate qofadha.
nageenyi amansiisaa Akka jiraatuu fi olaantummaa seeraa kabajamee Akka Itti fufufi hawaasichi yaaddoo nageenya tokko malee bahee galuun jireenyaa isaa Akka gaggeeffatu taasisuu keessatti shoori caasaa nageenya olaanaa ta’u marii gaggeeffamee irratti ibsamee Jira.
Kaayyoon Maricha inni ijoon haala walii gala Nageenyaa Nannaawwa fi Magaalichaa beeknee, Nageenyaa waaraa Lafa qabsiisuuf qindoominnan hojjechuuf akka ta’e Itti Aanaan gaafatamaa Wajjiira Bulchiinsaf Nageenyaa Magaalaa Adaamaa Obbo Shambal Didhaa himan.
Gabaasni kan Tashoomaa Urgii.