Waajjirri carraa hojii uumuu fi Ogummaa magaalaa Adaamaa sagantaa pirojeektii biqaatiin dargaggoota leenjisaa ture keessaa dargaggoota 1806shaakallii hijiirraatiif dhaabbilee misoomaa garagaraatti dabarsee kenne.
1 min read

Piroojektichi walta’iinsa mootummaa Federaalaa fi Baankii Addunyaatiin hojiirra kan oole ta’uun ibsameera.

Dargaggoonni hoji dhabeeyyii 2200 ol piroojektochaan leenji’aa turan keessaa dargaggoota 1806 dhaabbilee misoomaa garagaraa keessati akka shaakalan ramadiin kennameef.
Dargaggootni kunis shaakala hojiirraa akka xumuraniin qaxaramanii carraa hojii kan argatan akka ta’e ibsameera.

Saganticha irratti Ministir Deetaa ministeera Hojii fi Ogummaa Obbo Solomoon Sookaa dabalatee hoggantoonni Sadarkaa naannoo fi magaalichaa argamaniiru.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *