
“Waldichi erga hundaa’ee eegalee balaawwan uumamaa fi namtochee uummata mudatuuf deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuun lubbuu miiliyoonotaa baraaraa jira”hogganaa waldaa qaxxaamura diimaa damee naannoo Oromiyaa Obbo Mohammad Jamaal.
Guyyaan qaxxaamura diimaa fi addeessa diimaa addunyaa mata duree “Duudhaalee namoomaa itti fufsiifna” jedhuun akka biyyaatti naannoo Oromiyaa magaalaa Adaamaatti sirna adda addaan kabajame.
Sirna kabaja guyyichaa kanarratti barreessaa olaanaa waldaa qaxxaamura diimaa Itoophiyaa Obbo Abarraa Luullessaa dabalatee keessummoonni fi hoggantoonni sadarkaa naannoo,magaalaa Adaamaa fi godina sh/bahaa argamaniiru.
Kabajni guyyichaa kun qindeessummaa waldaa qaxxaamura diimaa damee godina shawaa bahaatiin kan qophaa’e yoo ta’u, akka addunyaatti marsaa 162ffaa akka Itoophiyaatti ammoo marsaa 67ffaaf kabajame.
Ka’uumsi hundeeffama Waldaa qaxxaamura diimaa addunyaa akka lakkoofsa Aworooppaa bara 1859 yoo ta’u nama lammii Siwuzarlaand Heenarii Duunaa ta’uu fi Sababni ijoon hundeeffamuu waldichaas waraana hamaa garee Itaaloo-Firaansi fi Ostiriyaa giddutti gaggeeffameen miidhama dhaqqabeef deeggarsa namoomaa gochuu akka ture eerameera.
Waldaan kun Itoophiyaatti erga hundaa’ee eegalee balaawwan uumamaa fi namtochee uummata mudatuuf deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuun lubbuu miiliyoonotaa baraaraa jiraachuu hogganaan waldaa qaxxaamura diimaa damee naannoo Oromiyaa Obbo Mohammad Jamaal ibsaniiru.
Firaa’ol Doddee fi Xaahir Gammaduutu gabaase.