Skip to content
- Home
- Oduu
- Yunivarsitiin Harraambee Barattoota Muummeewwan Barnootaa Adda Addaan Barsiisaa ture 1514 Adaamaatti Eebbisiise.*******Barattootni eebbifamanis sadarkaa barnootaa digrii lammaffaa/maastarsii/ idilee fi ‘Onlaayiniin ‘306 akkasumas kaampaasota yunivarsitichaa shan keessatti TVET’n kan leenji’an 1208ti. Eebbifamtoota keessaa 990 jechuunis dhibbeentaan 65 dubartoota. Pirezidaantiin yunivarsitii Harraambee doktar Habtaamuu Takkaa yunivarsitichi dhaloota beekkumsaan gahoomsuu maddiitti hojii tajaajila lammummaa boonsaa raawwataara jedhan. Keessumattuu magalaa Adaamaatti qulqullina naannoo fi fayyaarratti akkasumas manneen barnootaaf meeshaalee deeggaruurratti hojjachuu ibsan. Hariiroon yunivarsitoota biyyaa alaa bebbeekkamoo faana uumames barttootni carraa barnootaa dabalataa akka argatan taasisuun yunivarsitichi bu’aa kan itti galmeesse ta’uu eeran. Abbaan qabeenyaa fi hojigaggeessaa olaanaan Garee Biizinasii Harraambee obbo Fayyisaa Araarsaa jabana gareen barachuu/mass learning/ irraa ofiin barachuu/self learning/ ceehe faana tarkaanfachuuf mala barnootaa ‘Onlaayiniin’ lammiin carraa barachuu akka argatu uumneera jedhan. Lammiileenis yeroo hundumaa beekkumsaan of-fooyyesuurratti akka xiyyeeffatan dhaamaniiru. Hoogganaa Ittaanaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa doktar Galaanaa Waldamikaa’el barachuun hin danda’u kan jedhu gara nan danda’aatti jijjiiruudhaaf jedhan. Jamaal Kadiir