Yuuniyeeniin hojii Gamtaa Qonnaan Bultootaa Lumee Adaamaa hojii tajaajila lamummaatiin Aanaa Bosat Ganda Dongorree xiyyoo Zoonii 1ffaatti  mana harka qalleeyyii ijaarsisaa ture xumuruun harka qalleeyyiif dabarsee kenne.
1 min read

Yuuniyeeniin hojii Gamtaa Qonnaan Bultootaa Lumee Adaamaa hojii tajaajila lamummaatiin Aanaa Bosat Ganda Dongorree xiyyoo Zoonii 1ffaatti  mana harka qalleeyyii ijaarsisaa ture xumuruun harka qalleeyyiif dabarsee kenne.

Sagantaan ijaarsa mana harka qalleeyyii kun karoora Yuuniyeeniin hojii Gamtaa Qonnaan Bultootaa Lumee Adaamaa hojii tola ooltummaan hojjachuu karoorfate hojjachaa jiruun kan raawwateedha.

Saganticharratti argamuun  ergaa kan dabarsan Hoji gaggeessaan  Yuuniyeenii hojii Gamtaa Qonnaan Bultootaa Lumee Adaamaa Obbo Girmaa Silashii maatii harka qalleeyyii bira dhaabachuun ijaarsa raawwachuutti yuuniyeenichatti gammachuun kan dhagahamu ta’uu kaasuun ijaarsi raawwatame qarshii kuma 800 fudhachuu dubbatan.

Dhaamsa dabarsaniinis,  Yuuniyeeniin hojii Gamtaa Qonnaan Bultootaa Lumee Adaamaa yuuniyeenii ummataan hundaayee ummataaf hojjatu waan ta’eef hojii eebbifamaa kana raawwachuun hawaasa rakkoo keessaa ture rakkoo  baasuuf ijaarsicha taasisuu dubbatan.

Jiraattonni Aanaa Bosat Ganda Dongorree xiyyoo hojii tola ooltummaan manni ijaarameef gama isaaniin rakkoo hamaa gannaa bonatti boqqonnaa namaa hin kennineen dararamaa turuu kaasanii manni sadarkaa isaa eeggate ijaaramee isaan harkaan gahuun kan isaan gammachiise ta’uu kaasan.

Xaahir Gammaduutu gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *