
30/10/2017Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti piroojektoonni bara 2017 bajata moootummaa fi hirmaannaa ummataan hojjetaman bakka keessummoonni naannoo fi magaalichaa argamanitti eebbifamanii tajaajilaaf banaa ta’aniiru.
Sad.I/A Pirezidaantiitti Qindeessaan Kilaastara Baadiyyaa Obbo Addisuu Araggaa barri kun bara qomoo itti olqabannee fi misooma jalqabne itti xumurre waan ta’eef iccitiin milkaa’ina bara kanaa aadaan piroojaktii jalqabuu fi xumuruu dagaaguu, bilisummaa dhiigaan argame qabsaa’ota bilisummaa oromootiif siidaa kaa’aa deemuuf xiiqii uumamee fi galii qabnu duguugnee sassaabuun guddina biyya keenyaa birmadummaa biyya keenyaa sadarkaa hin raafamnerratti ijaaru gonfachuun jiruuf jireenya ummata keenyaa fooyyessuurratti xiyyeeffatamee kan hojjetameedha jedhaniiru.
Dhumarrattis seenessa Oromoon hojjechuus ta’ee biyya bulchuu hin danda’u jedhu addunyaatti qabatamaan agarsiisaa jiraachuu ibsanii wabii nyaataa mirkaneessuu fi carraa hojii uumuu fi kalaqa baay’isuun hiyyimmaa hundee gadi fageeffatee ture buqqisuun biyya alaa eeggattu osoo hin taane omishtee ollaaf taatu ijaaruu keessatti akkuma tanaan duraa dhaabbilee fi gawaasni bal’aan gaheesaa akka bahatu dhaamaniiru.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee yaadama jijjiiramaa bu’aa qabsoo ummata keenyaa ta’e rakkoolee gara carraatti jijjiiruun piroojektoota fedhii fi fayyadamummaa ummataa deebisan hojjechuun aarsaa kaffalamaa turerraa hawaasni bal’aan akka fayyadamu yaadama ida’amuu xiiqidhaan milkeessuun wabii nyaataa mirkaneessuu, kalaqaaf ogummaa dagaagsuu, intarpureenaroota baay’isuu fi kenna tajaajilaa ammayyeessuus hojjetamaa tureera jedhaniiru.
Haaluma kanaan piroojektoota rakkoo hawaasaa furanii fi carraa hojii uuman inisheetivoota wabii nyaataa, magaalomsuu, fi hawwatummaa magaalaa, tajaajila si’eessuu fi ammayyeessuu, akkasumas, carraa hojii fi guddinaa qabduuf haala mijataa uuman 171 guyyaa har’aa kan eebbifamaniidha.
Piroojektoota bara kana eebbifaman keessaa muraasni manneen barnootaa 13, hospitaala 1, iddoo balfaa 1, mana murtii, giddu galoota industirii godoo, inisheetivoota industirii godoo, horsiisaa fi furdisaa hojjetamee kan eebbifame ta’uu ibsanii qaamolee milkaa’ina hojii kanaa keessatti gahee olaanaa taphatanis galateeffataniiru.