Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti jaarmiyaan dargaggootaa kutaa magaalaa Boolee mana harka qalleeyyii suphan.


Hojii tajaajila lammummaa ganna kanaa keessaa tokko ijaarsa mana harka qalleeyyii ykn suphaati.

Jaarmiyaaleen dargaggootaa kutaa magaalaa Boolees isa kana bu’uura godhachuun suphaa mana haadholii harka qalleeyyii eegalaniiru.

Saganticha irratti argamuun radiyoo ABS’f yaadaa kan kennan itti gaafatamtuun ijaarsa paartii badhaadhinaa kutaa magaalaa Boolee Aadde Zeyitunaa Usmaan akka ibsanitti jaarmiyaaleen dargaggootaa hojii tola oltuumma ganna kanaa eegaluu sababeeffachuun jalqabbii kana irrattis mana harka qalleeyyii suphuutin eegalan jedhan.

Nama gargaaruuf nama ta’uu qofti gahaadha kan jedhan Aadde Zeyitunaan mana harka qalleeyyii suphuu qofa osoo hin taane bifa haaraan ijaaranii kennuunis barbaachisaa waan ta’eef dargaggeessi hundi hojii gaarii kana irratti hirmaachuu qaba jedhan.

Itti gaafatamaan liigii dargaggootaa kutaa magaalaa Boolee dargaggoo Magarsaa Baayyee barbaachisummaan hojii kanaa akka paartii keenyaattis sirna ta’ee waan itti fufeef dargaggeessi keenya dhaadannoo mana harmee keenya ni ijaarra ebba ni arganna jedhuun ka’uun hojii tola ooltummaa kana eegallee jedhe.

Karoorri nuti baafanne karoora hiixataa dha jechuun akka kutaa magaalaa keenyatti mana harka qalleeyyii 34 suphuuf karoorfannee hanga ammatti mana 8 suphuu dandeenye jirra jedhee dargaggoon Magarsaa.

Jaarmiyaaleen dargaggoota hojii kana irratti hirmatan yaadaa radiyoo ABS’f kennaniin wantii hundaa caalaa nama gammachiisu nama rakkatee gargaarudha jechuun nutis eebbaa argachuuf hojii kana eegallee jirra jedhan.

Hojiin tola oltuummaa mana harkaa qalleeyyii suphuu qofa miti kan jedhaan dargaggoonni kuneen wantoonni tajajilaa lamummaan hojjetamuu danuu waan ta’aniif dargaggoonni hundii irrattii hirmachuu qabuu jechuun ergaa dabarsan.

Haatii manni kun suphaamefis dargaggoota kana galateeffatanii jiru.
Gabaasni Kan Yordaanos Mokonnin.

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *