
Manni murti olaanaa Magaalaa Adaamaa himatamtoota daldala kontirobaandii warqee tilmaama qarshii miliiyoona 98 ol baasu karaa seeraan alaatiin dabarsuuf yaalan hidhaa waggaa 2 fi baatii 3 ‘n adabe.*********Daldalli seeraan alaa fi kontirobaandii fayyaa lammiilee fi dinagdee biyyatti irratti miidhaa dhaqabsiisu olaanaa ta’uu ragaaleen jiran ni muldhisu.Haaluma kanaan daldallii seeraan alaa fi kontirobandii eeruu hawasaa fi tumsa caasaa nageenyaa fi biroo taasisaniin yeroo adda addaatti to’atamuun muurtiin barsiisoo ta’e yoo kennamu ni muldhata.Bu’uuruma kanaan Sochiin daldala seeran alaa fi kontirobaandii iddoo biroo irraa ka’uun yeroo adda addaatti tumsa eeruu hawasaa fi caasaa nageenyaan magaalaa Adaamaattis to’atamaa jira.
Himatamtoonni maqaan isaanii Garansaay shimaddiin gabrasaamu’el fiGideey gabrakiristoos Dastaa jedhaman konkaachisaa fi gargaaraa isaa waliin ta’uudhaan gaafa guyyaa 20 /5/2017 ganama keessa sa’aa 4 irratti Aanaa Solloqee dongoree iddoo Aaddaa kellaa kurfaatti konkolaataa Isuzii ka’uumsa magaalaa finfinnee irraa gara magaalaa walancitii imaluuf wayita kellaa ga’uu sakkat’iinsa taasifameen warqee muraa 6 giraama kuma 8 fi 600 uulfaatu qarshii miiliyoona 98 fi 946 ol baasu konkolaataa Isuzuu fee’iisaa meeshaa lakka.gabatee isaa kodii 3A64452A.A ta’e keessatti karaa seeran alaatiin dhoksuun wayita dabarsuuf yaalanitti to’atamuu seera jala erga olanii booda Abbaan Alangaa magaalaa Adaamaa himata irratti bana.
Himatamtoonis ragaa ittisaa dhiyeefatan manni murtii ragaa namaa fi Aabbaa Alangaa magaalichaa fi himatamaa1ffaa bu’uura taasifachun kuufaa jalaa taasisuun himatamtoonni kunis yakka daldala kontirobaandii warqee seeraan alaa qaama 3ffaa finfinnee jiruu iraa ajaja fudhachuun gara naannoo Tigraay magaalaa maqalee geessuuf ayyama daldalaa warqee osoo hin qabaatin dhooksuuf yaaluun yakka guddaa ta’uu fi dinagdee biyyaa irratti miidhaa guddaa kan dhaqabsiisu ta’uu osoo beekanuu ta’e jedhanii itti yaaduun yakka kana raawwachuu dhadacha irratti ibsamee jira.
Abuukaatoonni himatamtootaaf dhaabbachuun falman himatamtonni kun kanaan dura yakka hojjatanii kan hin beekne,uumrii dargaggummaa keessa kan jiranfi maatii kan bulchan waan ta’eef adabbin akka salphatuuf qabeenyii konkolataa abbaa qabeenyaaf akka deebi’uuf gaafata.
Abbaan Alangaa magaalichaas himatamtoonni kun sadarkaa yakka daldala kontirobaandii warqee seeraan ala dabarsuutiin miidhaa guddaa biyyatti irraan gahu tilmaama keessa galchuun adabbiin barsisaa ta’e akka itti kennamu gaafachuun fi qabenyii ciraan warqee fi konkokaataa waliin qabamees mootummaan akka dhaalamu gaafata.
Manni murtii olaanaa magalaa Adaamaas ragaa bitaa fi mirgaa dhiyaate madaaluun isaanii fi fakkaatoota isaanii ni barsiisa jedhee amane dhadacha gaafa guyyaa 17/ 8 /2017 oleen bu’uura seera yakkaa keeyyata 88 keeyyata xiqaa 2 tiin tokkon tokkon isaanii irratti hidhaa waggaa 2fi baatii 3 fi maallaqa kuma shaniin adabuun qabeenyii ciraa warqee mootummaaf galii akka ta’u murteessee jira.
Taayyee Abarraatu gabaase