Ejensiin Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa Damee Finfinnee Magaalaa Sabbataatti Namoota Muuxannoo  qofaan Hojii Ijaarsa Manaa fi Awutoo Meekaanikii irratti bobba’anii  Hojjachaa Jiraniif Madaallii Gahumsa Ogummaa kenne.
1 min read

Ejensiin Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaatti itti gaafatamaan  Damee Finfinneetti obbo Gammachuu Dajanee madaalliin beekkamtii kennuu fi namni iddoo dandeettiin isaaf malu sanatti hojjachuu akka danda’u akkasumaas iddoo qaawa qabu  ittiin guutachuuf kan kennamuudha jedhu.

Diiniin Kolleejjii Poolii teeknika Sabbataa obbo Salamoon Xurunaa kaayyoon madaallii namoota muuxxannoo adda addaatiin hojii hojjachaa jiran madaaluun beekkamtii kennuudha jechuun,madaallamtoota hojii ijaarsa manaa namoota 60 fi awuutoo meekaniiksii immoo namoota 46 walitti namoota106 madaalluun beekkamtti kennuuf hojjachaa akka jiran ibsan.

Madaallamtoota ABS dubbise keessaa tokko tokkoo immoo madaalamuun keenya dandeettiin keenya eessa akka jiru
kan itti beeknuu fi ragaa argannuun hojii dhuunfaa keessatti bobba’uuf faayidaa qaba jechuun yaada kennaan.

Sisaay Isheetuu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *