Addaan ciccituun  bishaan dhugaatii Magaalichaa rakkoo hamaaf nu Saaxilee Jira jedhan jiraattonni Magaalaa Adaamaa tokko tokko.
1 min read

Addaan ciccituun  bishaan dhugaatii Magaalichaa rakkoo hamaaf nu Saaxilee Jira jedhan jiraattonni Magaalaa Adaamaa tokko tokko.

Rakkoo Addaan ciccituu bishaan dhugaatii qabatamaan furamuufi akka qabu gaafatan jiraattonni Magaalichaa kunneen.

Dhabbaatni tajaajila bishaan dhugaatii fi dhangalaa’aa Magaalichaa gama isaanitiin rakkoo dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu hundeerraa furuuf hojjechaa jiraachuu beeksise.
*
Bishaan wantoota jiruuf jireenya ilma namaaf bu’uura ta’an keessaa isa ijoo yoo ta’u, dhaabbanni tajaajilaa bishaan dhugaatii fi dhangalaa’aa Magaalaa Adaamaas Waliin ga’insa bishaan dhugaatii qulqulluu Magaalaa fi baadiyyaa mirkaneessuuf hojii bal’aa hojjechaa jiraatus addaan ciccituun bishaan dhugaatii qulqulluu rakkoo hamaaf nu Saaxilee Jira jedhan jiraattonni Magaalichaa tokko tokko yaada ABS’f Kennaniin.

Jiraattonni Magaalichaa kunneen Rakkoon addaan ciccituu bishaanii qabatamaan furamuufi akka qabu gaafatan.

Itti Aanaa hojii gaggeessaa fi itti gaafatamaan damee teknikaa Dhaabbata tajaajilaa bishaan dhugaatii  fi dhangalaa’aa Magaalaa Adaamaa Obbo Kaasaa Bakuraa dhaabbatichi tajaajila bishaan  dhugaatii qulqulluu ta’e Hawaasa Magaalichaa fi Naannaawaa isheef dhiyeessuuf ergama ijoo godhatee hojjechaa Jira jedhan.

Dhaabbanni tajaajila bishaan dhugaatii Magaalichaa erga hundaa’ee kaasee rakkoo waliin gahiinsa bishaan dhugaatii qulqulluuf hojiilee gurguddoo hojjechaa Jiraachuu kan dubbatan Obbo Kaasaan dhiyeenyaa asitti Sababa Misooma Koriidarii hojjetamaa jiruu fi rakkoo addaan ciccituu Humna ibsaatiin Magaalicha keessatti Sararoonni bishaanii iddoo tokko tokkotti addaan kan ciccitan ta’uu himanii,komiin hawaasaa dhugaa ta’uu dubbatan.

Hundaa olitti rakkoo waliin gahiinsa bishaan dhugaatii qulqulluu Magaalichaa hundeerraa furuuf Piroojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu Mojoo-Adaamaa yeroo dhiyootti hawaasa Magaalichaa bira akka gahu dubbatan Obbo Kaasaan.

Gabaasni kan Tashoomaa Urgiiti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *