Manni murtii ol-aanaa magaalaa Adaamaa waajjira abbaa alangaa magaalichaa waliin ta’uun kenna tajaajila haqaa irratti abukaatota dhuunfaa marisisee.
1 min read

Manni murtii ol-aanaa magaalaa Adaamaa waajjira abbaa alangaa magaalichaa waliin ta’uun kenna tajaajila haqaa irratti abukaatota dhuunfaa marisisee.

Itti gaafatamtuun waajjira abbaa alangaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa Aadde Dinqinesh Fayyisaa kaayyoon marichaa ciminoota fi hanqinoota hojimaata keessatti muudatan adda baasuun kenniinsa tajaajila haqaa haala cimsuun danda’amu irratti abukaatotaaf hubannoo waliigalaa uumuuf jedhan.

Abukaatonni yaada mariicharratti kaasaniin manni murtii fi waajjirri abbaa alangaa magaalichaa haqaa uummataa mirkaneessuuf sochiin qindoominaan taasisaa jiran kan jajjabefamuudha jedhan.

Teeknolojiin deeggaramanii hojjechuu irratti hanqinni jiraachuu himanii furmaata isarratti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu gaafataniiru.

Kallattii hojii fuulduraa kan kennan Pirezidaantiin mana murtii ol-aanaa magaalaa Adaamaa obbo Maammoo Tusii hojiin haqa mirkaneessuu tumsa waloo kan barbaadu ta’uu kaasanii abukaatonni naamusaa fi iftoominaan hawaasa tajaajiluu akka qaban dhaamaniiru.

Makkiyaa Muussaa tiin

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *