
Waajjirri carraa hojii uumuu fi ogummaa magaalaa Adaamaa hojii dhabeeyyii gara hojitti galchuuf namoota kuma 62 karoorsuun karoora ol namota kuma 71 gara hojitti galchuu beeksise.
Waajjirrichi karoora fi raawwii hojii bara 2017fi karoora hojii 2018 ttirratti ABS ibsa kenne.
Kallatti Mootummaan kenne bu’uuraa godhachuudhan Waajjirri carraa hojii uumuu fi ogummaa magaalaa Adaamaa hojii dhabeeyyii dhaabbilee leenjii kennaan kanneen mootummaa fi miti mootummaa wajjiin qindoominaan leenjisuun gara hojitti galcchuu,badhaadhinaa maatiin akka gurma’an hojjetanii jiruufi jireenyaa of jijjiran taasisa jira.
Raadiyoon ABS Itti Gaafatamaa Waajjira carraa hojii uumuu fi ogummaa magaalaa Adaamaa obbo AbdulQaadiir Xaayibuu kan dubbise yoo tahuu,karoora 2017 carraa hojii namoota kumma 62f uumuuf karoorsuuf karoora ol namoota kuma 71 carraa hojii uumuu dandeenyee jedhan.
dhaabbiidhan namoota kuma 45,inrapiraayizootaa kuma 300 ol ,dhiiraa kuma 27 ol,dubartootaa kuma 13 oliif carraan hojii kan uumamee yoo tahuu indaastirii godoo akaakuu 12 jiruu keessattis hojii dhabeeyyii hirmaachisuu himan.
Dhaabbilee dhuunfaa kan adda addaa keessattis haala qacariin namoota kuma 28 ol gara hojitti galchuu himan.
dhaabbilee leenjii kennaan kolleejjii poolii teekinika Adaamaafi wanjii yoo ta’an ,kanneen dhuunfaas dabalchuun wajjiin qindoominaan hojjechaa turu himan.
Carraa hojii uumurratti hojii dhabeeyyii magaalaa hanga zoonitti jiran kan umrii waggaa 15 hangaa 65 jiran hundaa hirmaachisuun hojitti galchuu himan.
Bara 2018 qaamolee hawaasa hundaa biraa gahuuf karoora karoorsuu, tiraaktar 20 ji’a dhufuu keesa dargaggoota qote bultoota biran gahuun hojii qonnaa keessa akka galan taasisuu, mashinootaa 40 arjoomuun akka itti tajaajilaman ni hojjenna jedhan.
magaalaa Adaamaa keessa zooniin 163 jiraachuu himuun, waldaa miseensota 1630
qabuu ijaaruun kan hojjechisan tahuu dubbatan.
Kan Gabaaste xibabuu Hordofaati