Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti Yaa’iin Paarlaamaa Daa’immanii waggaa 2ffaa marsaa 1ffaa gaggeeffame.
1 min read

Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti Yaa’iin Paarlaamaa Daa’immanii waggaa 2ffaa marsaa 1ffaa gaggeeffame.

Af yaa’iin paarlaamaa daa’immanii magaalaa Adaamaa Barataa Amaanu’el Zewduu, paarlamaan daa’immaanii mirgaa fi dirqama isaanii akka beekan,  dhimmoota naannoo fi biyyaa irratti hirmaachuun yaada isaanii akka ibsatanii fi gahumsaa fi itti gaafatamummaan akka itti dhagahamuuf haalawwaan mijaa’aa kan uumuu ta’uu ibsee jira.

Yaa’ichaanis gaabaasni raawwii hojii bara 2017 fi karoorri bara 2018 miseensotaaf dhiyaatee jira.

Yeroo yeroon miseensota waliin mariin gagaeeffamuu, miseensota paalamaa da’immaniif hubannoon gahaa kennamaa jiraachuun akka ciminaatti kan ka’e yoo ta’u, koreewwan dhaabbii yeroo yeroon jijjiiramuu, qindoomini seektarootaa laafaa ta’uun akka hanqinaatti ka’ee jira.

Manneen barnootaa mootummaa fi dhunfaa keessatti paarlaamaa daa’immanii hundeessuun akka ciman taasiisuu, miseensota koree dhaabbii fi hojii raawwachiftootaaf hubannoo kennuu fi kanneen biroon karoora bara 2018 hojjachuuf karoorfameedha.

Walitti qabduun koree dhaabbii dhimma dubartootaa fi hawaassummaa magaalaa Adaamaa Adde Tsiggee Tashoomaa, daa’imman seera akka beekanii fi shaakalan taasisuun boru biyya kana akka bu’aniif hojiin bal’aan hojjatamaa akka jiru himaniru.

Paarlamaan daa’immanii manneen barnootaa irratti harca’aa akka ta’ee fi qixa sirriin hojitti galuu irratti hanqinni jiraachuu kaasani, isa kana furuuf waajjiraaleen qindoominaa kan irratti hojjatan ta’uu himaniru.

Miseensonni paarlaamaa daa’immanii tokko tokko yaada Raadiyoo ABS’f kennaniin, paarlamaan daa’immanii rakkoolee fi miidhaa dubartoota irra gahu irratti akkaata haqa itti argachuu danda’an irratti shoora olaanaa taphataa jira jedhan.

Xumura yaa’icha kana irratti miseensonni Koree dhaabbii paarlamaa daa’immanii filatameera.

   Hawwii Abaataa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *