sadarkaan ariitiifi qulqullinaa misoomni koriidari magaalaa adaamaa ittiin hojjetame dhaloota boruufis bu’uura kan kaa’u ta’uu ogeeyyiin ijaarsaa tokko tokko himan.
1 min read

sadarkaan ariitiifi qulqullinaa misoomni koriidari magaalaa adaamaa ittiin hojjetame dhaloota boruufis bu’uura kan kaa’u ta’uu ogeeyyiin ijaarsaa tokko tokko himan.


Qulqullinni ijaarsa pirojektichaa pirojeektota biroof muuxannoo kan ta’udhas jedhameera.


Magaloota Oromiyaa muraasa keessaa kallaatti Mummeen Ministeera Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad Kennan fudhachuun Sochii misooma koriidarii hojiirraa oolchaan keessaa Tokkoo kan Tate ‎Magaalaan Adaamaa, hojiin Misooma koriidarii hawwattummaa fi miidhagina magaalaa dabaluuf magaalaa miidhagduu, jireenyaaf mijattuu taate taasisuuf karaa qulqullinaa fi ariitii qabuun Marsaan jalqaba Xumuuramuun tajaajilaaf banna ta’e Jira.

Hojiin misooma koriidarii magaalaa keessatti hojjatamee fi ammas hojii keessaa jiru Kun hawwattummaa magaalaa dabaluun cinaatti guddinaa fi carraawwan misoomaa babal’isuun Magaalaa egeree dhalootaa uumuu keessatti gahee olaanaa kan qabudha .

misoomni Kooridarii Magaalaa Adaamaa,dandii Aspaaltii Konkooriitti Ijaarsi isaa ogeeyyii ijaarsaafi gorsitoota muuxannoo idil addunyaa qabaniin kan hojjetame waan ta’eef rakkoo qulqullina fi Diizaayinii tokkoolee kan hin qabne ta’uu Mandisiin Mana qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Injineer Baantayyoo Abdoo ABS’tti himan.

Itti Aanaan Hojii Gaggeessa Dhabbata Investimentii Gruuppii fi Itti gaafataman Damee Ijaarsa Obbo Haayiluu Balchaa Misoomni Koriidarii guddina Magaalaa tokkoof murteessaa fi iddoo olaanaa kan qabu akka ta’e kaasanii, Misoomni Kooridarii Magaalaa Adaamaas Magaalaa waan hundaan guuttee fi jireenyaaf mijattuu, akkasumas madda Tuurizimii akka taatuufi Sochiin Dinagdee Magaalichaa qixa sirriin si’eessuu Keessaa gahee olaanaa qaba jedhan.

Magaalichaa keessatti Misoomni koriidarii ariitii fi qulqullinaan yeroo jedhamee keessatti tajaajilaaf oolee, Magaalaa egeree dhaloota boriif mijattuu taate arguuf milkaa’inoota gaggaarii jiran itti fufsiisuuf ammas ni hojjatamaa jedhan Obbo Haayiluun akkaata qulqullina hojiicha irratti yaada kennaniin.

Misoomni Koriidarii Magaalaa Adaamaa Hawwattummaa Magaalaa dabaluun cinatti Sadarkaan qulqullina Ijaarsa Kooridariichaa Amansiisaa fi Hawwaata ta’u Ogeessonni Ijaarsa kunneen ni dubbatu .

Misoomni Kooridarii Magaalaa Adaamaa kun daandii aspaaltii Konkkiirriitti ,daandii lafoo ,dandii deemsa saayikilii, paarkiiwwan akkasumas iddoowwan dhaabbii konkolaattotaa fi manneen fincaanii hawaaasaa ofkeessatti kan hammateedha.
Kan qindeessee Tashoomaa Urgiiti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *