Magaalaa Adaamaa Kutaa magaalaa Bokkuu Shananiitti Bulchiinsi Aanaa Haroorettii facaasaa qamadii bonee eegalchiise.
1 min read

Magaalaa Adaamaa Kutaa magaalaa Bokkuu Shananiitti Bulchiinsi Aanaa Haroorettii facaasaa qamadii bonee eegalchiise.

Facaasaan qamadii bonee kun kan eegale zoonii Adulaalaa Bokkuu keessatti yoo ta’u, zooniiwwan hafan keessattis qophiin xumuramuu ibsameera.

Itti gaafatamaan waajjira Qonnaa Aanaa Horoorettii Obbo Ahimad margaa Akka Aanichaatti bara kana lafa heektaara 1500 ol irratti jallisii boneen qamadii misoomsuuf hojjetamaa jira jedhan.

Lafa heektaara tokko irraas qamadii kuntaala 50 ol sassabuuf karoorfamuu ibsan.

Bulchaan Aanaa Haroorettii Obbo Kabbadaa Gammachuu qabeenya bishaanii jirutti fayyadamuun hirkattummaa roobaa jalaa ba’amee omisha omishuun danda’amaa jira jedhan.

Omisha qamadii bonaa kana irrattis hanqinni sanyii fi xaa’oo akka hin mudanneef qophii barbaachisu mara taasifamuu dubbataniiru.

Diinagdee qonnaan bultoota jijjiiruuf mootummaan Inisheetivota garaagaraa bocee hojiirra oolcheen bu’aan qabatamaa mul’achaa jira kan jedhan ammoo Hoji raawwachiisaa itti aanaa kutaa magaalaa Bokkuu Shananii Obbo Abdulhamiid Huseeni.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *