Industiriin godoo bu’uura ce’uumsa industirii ammayyaattif shoora olaanaa qabaa jedhame.
Bulchinsaa magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Booleetti warshaan daakuu MB qarshii miliyoonaa 35 oliin ijaaramee hojii jalqabe.
*
Industiriin godoo carraa hojii bal’aa uumuun ce’uumsa teknoloojii mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Bu’uuruma kanaan Bulchinsi magaalaa Adaamaa dargaggootaa waldaan ijaaruun hojii uumuu bira darbee gara industiriitti akka ce’aan sochii guddaa taasiseen kutaa magaalaa Booleetti warshaan daakuu MB qarshii miliyoonaa 35 ol ijaaramee gara hojiitti galeera.
Walitti qaban Waldichaa Obbo Boggalaa Naggasaa warshaan kun qala’insa gabaa tasgabeessuu kayyoo godhamee kan ijaarame yoo ta’uu namoota 25 oliif kan hojii uumeef ta’uu himan.
Itti gaafatamaa Waajjira carraa hojii uumuu magaalatti Obbo Abdulqaadiir Xayibuu akka magaalattiitti industirii godoo babalisuun carraa hojii uumuu irraa darbee ce’umsaa industiriirratti hojjatamaa jiraachuu dubbatan.
Kanaa keessaa warshaan daakuu MB hojii jalqabuun isaa bu’aa sochii gama hundaan godhamee ta’uu eeraniiru.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Kutaa magaalaa Boolee Obbo Bariisoo Baqqalaa akka kutaa magaalichatti lafaa qopheessuu irraa jalqabee milkaa’ina warshaa Kanaaf deggarsa guddaan godhamaa tureera ammas itti fufa jedhan.
Saamirawwit Abbabaa.
