Dinagdeen qonnan bultoota humneessuuf mootummaan Xiyyeeffannoo kenne hojjechaa Jirachuu Kantibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee dubbatan.
1 min read

Dinagdeen qonnan bultoota humneessuuf mootummaan Xiyyeeffannoo kenne hojjechaa Jirachuu Kantibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee dubbatan.

Dinagdeen qonnan bultoota humneessuuf mootummaan Xiyyeeffannoo kenne hojjechaa Jirachuu Kantibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee dubbatan.

Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa qonnan bultoota Aanaa Awaash malkaa sa’aa Waldaan gurmaa’aniif Paampii bishaanii fi Gaagura Ammayyaa kenne .

**
Itti gaafatamaan Wajjiira qonna
Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Alamuu Qilxuu Mootummaan Badhaadhina maatii galman gahuuf hojii qonnaf xiyyeeffannoo Kenne hojjechaa jiruun,qonnan bulan hirkattummaa roobarraa adda baasuuf Paampii bishaanii Ammayyaa tokkichii Lafa heektara 25 misoomsuu danda’uu qonnan bulaaf kan kennamee ta’u himan.

hanga ammatti paambii bishaanii 52 fi Gaagura dammaa 200 ol qonnan bultoota kan kennamee ta’u kan dubbatan Obbo Alamuun kana milkkeessuuf qamooleen qooda fudhattoota hundii gahee isaa bahachuu qabu dhaaman.
Kan

Kantibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee Sagantichaa irratti argamuun erga dabarsaniin jiruuf jireenyaa ummaata foyyeessuuf diinagdeedhaan humneessuuf hojjetamaa Jira jedhan.

fuula duratti qonnaan bulaa waldaan gurmeessuun Sirna Oomisha qonnaa fooyyessuun Carraa jiru qixaan itti fayyadamuun murteessaadha jedhan.

Sagantichan cinatti hojiilee misooma qonna Aanaa Awaash Malkaa Sa’aa Zoonii Ulaagaa ,Malkaa Obaa Kilaastara Qonnaa Muuziifi Paappayyaa Daawwatan.

Gabaasni kan Tashoomaa Urgiiti.

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Yeroo mara nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *