Biiroon Fayyaa Oromiyaa haala walqixxummaa koorniyaa mirkaneessun danda’amu irratti qooda fudhattoota waliin magaalaa Adaamaatti marii gaggeesse.
1 min read

Biiroon Fayyaa Oromiyaa haala walqixxummaa koorniyaa mirkaneessun danda’amu irratti qooda fudhattoota waliin magaalaa Adaamaatti marii gaggeesse.

Hoogganaa itti aanaa biiroo fayyaa oromiyaa obbo Darajjee Abdannaa akka jedhanitti seektarri fayyaa walqixxummaa koorniyaa mirkaneessuu irratti bal’inaan hojjetaa jiraachuu himanii kaayyoon marichaas fayyadamummaa koorniyaa idileessuuf qaamni hunduu gahee isaa akka bahatu hubannoo cimsuuf jedhan.

Miidhaan koorniyaa walqabatee gahuu akka laayyootti kan ilaalamuu miti kan jedhan obbo Darajjeen kana hundeerraa furuuf seektara fayyaa qofa osoo hin-taane qaamni hunduu tumsuu akka qabu dhaamaniiru.

Biiroo fayyaa oromiyaatti Daayrektarri Idileessa Koorniyaa Dargaggoottaa fi Daa’immanii Sistar Salaam Hasan dhaabbanni mootummaa ta’ee kan dhuunfaa tajaajila hawaasaaf kennu keessatti dhimma
walqixxummaa koorniyaa mirkaneessuu xiyyeeffannoo itti kenne hojjechuu akka qabu barreeffama mariif dhiheessan keessatti ibsaniiru.

Hirmaattonni mariicha tokko tokko yaada ABS’f kennaniin marichi hubannoo gama kanaan qaban kan cimseef ta’uu ibsuun dhibbaa koorniyaan walqabatee qaqqabu hanbisuuf seektaraalee biroo waliin qindoominan kan hojjatan ta’u dubbatan.

Makkiyaa Muussaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *