
Magaalaa Adaamaa aanaa Irreechaatti duulli dhaabbii biqiltuu kutaalee hawaasaa fi hoggansaa hirmaachise gaggeeffame.
Dhaabbiin biqiltuu kun qarqara daandii aspaaltiitti kan raawwate yoo ta’u, miidhagina magaalittii dabaluun cinaatti qilleensaa fi sochii qarqara daandii hawwataa taasisuuf oola jedhameera.
Bulchaan aanaa Irreechaa Obbo Goobana Guddataa karoora dhaabbii biqiltuu bara kana akka biyyaa fi magaalichaatti qabame milkeessuuf aanichatti biqiltuuwwan gosa garagaraa kuma 600’000 ol dhaabuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuu himan.
Aanichatti biqiloota gaaddisaa fi miidhaginaaf oolan dhaabuun cinaatti kanneen nyaataaf oolanis dhaabuun wabii nyaataa dhugoomsurratti kan argaman ta’uus ibsaniiru.
Itti gaafatamaan paartii badhaadhinaa kutaa magaalaa Dambalaa Obbo Girmaa Kabbadaa bara kana akka kutaa magaalichaatti biqiltuu miil. sadii ol dhaabuuf karoorfamee hajjatamaa jiraachuu himan.
Akeekni xiiqiin yaadamicha itti fufsiisuus dhiibbaa faalama qilleensaa addunyaa qoraa jiru dandamachuu fi biyya hawwattuu taate dhaloota hegeree dhaalchisuufi jedhan.
Kutaaleen hawaasaas biqiloonni dhaabaman
galma barbaadameef hanga qaqqabanitti kunuunsa kan itti fufan ta’uu himaniiru.
Firaa’ol Doddee