08 Nov, 2025
1 min read

sadarkaan ariitiifi qulqullinaa misoomni koriidari magaalaa adaamaa ittiin hojjetame dhaloota boruufis bu’uura kan kaa’u ta’uu ogeeyyiin ijaarsaa tokko tokko himan.

Qulqullinni ijaarsa pirojektichaa pirojeektota biroof muuxannoo kan ta’udhas jedhameera. Magaloota Oromiyaa muraasa keessaa kallaatti Mummeen Ministeera Itoophiyaa Dr. Abiy Ahimad Kennan fudhachuun Sochii misooma koriidarii hojiirraa oolchaan keessaa Tokkoo kan Tate ‎Magaalaan Adaamaa, hojiin Misooma koriidarii hawwattummaa fi miidhagina magaalaa dabaluuf magaalaa miidhagduu, jireenyaaf mijattuu taate taasisuuf karaa qulqullinaa fi ariitii qabuun Marsaan jalqaba Xumuuramuun […]

1 min read

Milkaa’inni hojii misooma koriidarii magaalaa Adaamaarratti mul’ate ilaalcha ‘hindanda’amu’ jedhu kan cabse ta’uu itti gaafatamaan waajjira paartii badhaadhinaa magaalaa Adaamaa obbo Ashannaafii Ajjamaa

Milkaa’inni hojii misooma koriidarii magaalaa Adaamaarratti mul’ate ilaalcha ‘hindanda’amu’ jedhu kan cabse ta’uu itti gaafatamaan waajjira paartii badhaadhinaa magaalaa Adaamaa obbo Ashannaafii Ajjamaa himan.Hojichi qindoominni ogummaa hedduu kan irratti mul’ate ta’uus dubbataniiru.**** Hojiin misooma koriidarii magaalattii dursa haaldureewwan milkaa’inasaaf gumaachan raawwachuun eegalame jedhan Ittigaafatamaan  waajjira Partii  Badhaadhinaa Damee Magaalaa Adaamaa obbo Ashannaafii Ajjamaa ibsa Adaamaa Biroodkaastiig […]

1 min read

Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti Yaa’iin Paarlaamaa Daa’immanii waggaa 2ffaa marsaa 1ffaa gaggeeffame.

Af yaa’iin paarlaamaa daa’immanii magaalaa Adaamaa Barataa Amaanu’el Zewduu, paarlamaan daa’immaanii mirgaa fi dirqama isaanii akka beekan,  dhimmoota naannoo fi biyyaa irratti hirmaachuun yaada isaanii akka ibsatanii fi gahumsaa fi itti gaafatamummaan akka itti dhagahamuuf haalawwaan mijaa’aa kan uumuu ta’uu ibsee jira. Yaa’ichaanis gaabaasni raawwii hojii bara 2017 fi karoorri bara 2018 miseensotaaf dhiyaatee jira. […]

1 min read

Yuuniyeeniin hojii Gamtaa Qonnaan Bultootaa Lumee Adaamaa hojii tajaajila lamummaatiin Aanaa Bosat Ganda Dongorree xiyyoo Zoonii 1ffaatti  mana harka qalleeyyii ijaarsisaa ture xumuruun harka qalleeyyiif dabarsee kenne.

Sagantaan ijaarsa mana harka qalleeyyii kun karoora Yuuniyeeniin hojii Gamtaa Qonnaan Bultootaa Lumee Adaamaa hojii tola ooltummaan hojjachuu karoorfate hojjachaa jiruun kan raawwateedha. Saganticharratti argamuun  ergaa kan dabarsan Hoji gaggeessaan  Yuuniyeenii hojii Gamtaa Qonnaan Bultootaa Lumee Adaamaa Obbo Girmaa Silashii maatii harka qalleeyyii bira dhaabachuun ijaarsa raawwachuutti yuuniyeenichatti gammachuun kan dhagahamu ta’uu kaasuun ijaarsi raawwatame […]

1 min read

Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti waajjirri qonnaa Aanaa Malkaa Adaamaa jiraattoota aanichaa hirmaachisuun hojii tola ooltummaatiin aramaa maasii qonnaan bulaa gageessee.

Kaayyoon isaa sababa humna fi kunuunsa dhabuutiin oomishnii midhaanii xiqqaachuu akka qabne yaadamee ta’uu ibsameera. Namoonni aramaa midhaanichaa irratti hirmaatan yaada ABS’f kenannin hojii tola oltummaatiin qonna irratti hirmaachuun karoora mootummaan gama kanaan qabate milkeessuu cinaatti aadaa walgargaruu gama cimsuutiin shoora ol’aanaa qaba jedhan. Itti gaafatamaan waajjira qonnaa aanaa Malkaa Adaamaa obbo Darrasaa Gammachuu akka […]

1 min read

Bulchiinsa magaalaa Adaamaa Aanaa Wanjiitti miseensotni mana maree bakka bu’oota ummaata fi Caffee Oromiyaa ummata waliin marii gaggeesse.

Maricha irratti afyaa’ii mana maree Magaalaa Adaamaa Aadde Immabeet Jibbaa dabalatee hoggansa kutaa Magaalaa , aanichaa fi hawaasni Kutaalee garaagaraa aanichaa hirmaataniiru. Afyaa’iin mana maree Magaalaa Adaamaa Aadde Immabeet Jibbaa Kaayyoon marii Uummataa kunis akkaataa qajeelfamaafi danbii Mana Mareetiiin miseensotni Paarlaamaafi Caffee Oromiyaa ji’a jahaan (6) gadi bu’anii uummata isaan filate waliin marii akka gaggeessan […]

1 min read

Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa Mana jireenyaa ijaaruun Maatii Gargaaraa Komishineraa Olii Fayyisaatiif dabarsee kenne.

Siidaan yaadannoo ajajaa Qajeelcha Olaanaa Eegumsa VIP Poolisii Oromiyaa duraanii Gargaaraa Kominikeeshinera Olii Fayyisaa awwaala isaaniirratti ijaarames bakka Hoggantootni olaanoo naannoo Oromiyaa,  Magaalaa Adaamaa fi jaallattootni fi dinqisifattootni isaanii argaminitti eebbifame.*****Saganticha irratti Itti Aanaan Waajjira pirezedaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Taarreqeny Adimaasuu haasawaa taasisaniin Gargaaraa kominikeeshinera olii Fayyisaa hojii inni bara jireenya isaa keessatti hojjeteen […]