15 Mar, 2025
1 min read

Magaalaa Adaamaatti Waldaan Tola Ooltummaa Tsinaat Dubartootaa Dhibee HIV AIDS dhiiga isaanii keessaa  jiru waliin  Guyyaa Dubartootaa Adunyaa Kabaje. **Waldaan Tola Ooltummaa  namoota dhukkuba ‘HIV EIDS’ wajjiin jiraatanii Tsinaat keessumattuu Dubartoota  irratti xiyeeffachuun gorsa ogummaa kennuu akkasumas barmaatilee miidhaa geessisan haala hambisuun danda’amurratti hojjata jetti hundeessituun waldichaa addee Gannat Bayechaa.  Kanuma bu’uura taasifachuun Magaalaa Adaamaatti […]

1 min read

Magaalaa Adaamaatti Hospitaali Waliigala Awaash Guyyaa ayyaana Kalee akka Addunyaatti March 13 kabajamu sababefachuun yaalii bilisaa Kalee taasise.

Hospitaali Waliigala Awaash Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Abbaa Gadaa aanaa Buttaatti kan argamu yoo ta’u hospitaalota dhuunfaa yeroo dhihoo asitti banamanii tajaajila kennaa jiran keessaa tokko. Hospitaalichi guyyaa Kalee akka Addunyaatti March 13 kabajamu ilaalchisuun bilisaan haala fayyummaa kalee namootaa beekuuf qorannoofi   yaalii dhukkuba kalee,dhiibaa dhiigaa,sukaaraa, kanneen biroo bilisaan hawaasaaf kennaa ooleera. Hospitaala […]

1 min read

Barattoonni fi hojjettonni Yunivarsitii saayinsii fi teeknolojii Adaamaa guyyaa dubartootaa idi addunyaa “march 8” kabajan.

Guyyaan dubartootaa “march 8” akka adduunyaatti yeroo 114ffaaf  akka Itiyoophiyaatti yeroo 49ffaaf kabajamaa jira. Ittii gaafatamtuun dhimma dubartootaa fi hawaasummaa yunivarsitii saayinsii fi teeknolojii Adaamaa Aadde Sawunnat Booraa kaayyoon kabaja guyyichaa walqixxummaa dubartootaa mirkaneessuf hojiilee akka yunivarsitichaatti hojjatamaa jiran yaadachisuu fi  itti fufiinsa isaa irratti qaamoleen hunduu tumsa akka taasisaniif kaka’umsa uumuuf ta’uu dubbatan. Pirezadaantiin […]

1 min read

Biiroon Fayyaa Oromiyaa Advookeesii Too’annoo Weerara Dhibee Busaa Irratti Qooda Fudhattoota Naannolee Garagaraa Wajjiin Marii Gaggeessaa Jiraa.

Dhibeen Busaa lubbuu balleessuu qofa osoo hin taane sochii hawaasa Diinagdee biyyaa kan miidhuudha – BFO Sagantaa ittisa dhibichaafi hawaasa dadamaqsuuf qophaa’e kanarratti qaamolee qindoominnaa garagaraa dabalatee Abbootiin gadaafi haadholiin siinqee argamaniiru. Dhibeen kun kanaan dura fayyaa hawaasaa miidhaa turuufi yeroo amma immoo Biirichi xiyyeeffannoo addaatiin tatta’amsina isaa maseensuuf tahuunis barreeffama gabaabaa dhiyaateen eerameera. Dhibeen […]

1 min read

Magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Bokkuu shananiitti Miseensonni mana maree bakka bu’oota uummataa fi Caffee, jiraattota aanaa Awwaash Malkaasaa waliin dhimmoota garagaraarratti mari’atan.

Mariin kun bakka hoggansi aanichaa fi jiraattonni aanichaa jiranitti bakka bu’oota uummataa waliin kan gaggeeffame yoo ta’u,dhimmoonni dimookiraasii fi bulchiinsa gaarii,haalli qabiinsa mirga lammiilee, akkaataa qabiinsa qabeenya mootummaa fi uummataa, dhimmoota misoomaa fi nageenyaa dabalatee kanneen biroo maricha keessatti xiyyeeffannoo argateera. Jiraattonni aanichaa yaadaa fi gaafilee bakka bu’oota uummataaf kaasaniin, rakkoon bishaan dhugaatii aanichatti furmaata […]

1 min read

Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti Wajjiirri Milishaa Kutaa Magaalaa Danbalaa Gamaaggama Rawwii hojii kurmaana 2ffaa gaggeesse.

********Gamaaggama rawwii hojii kurmaana 2ffaa kana irratti Caasaaleen Nageenyaa gachaana Sirna, tajaajilaa poolisii hawaasa, Milishaa , poolisii idilee fi qamooleen biroo qooda fudhatoota gamaaggamichatti. Itti gaafatamaan Wajjiira Milishaa Kutaa Magaalaa Danbalaa Obbo Ashanaaffi Balchaa Kaayyoon gamaaggamicha inni ijoon cimina fi hanqina hojii ji’ottaan darban keessaatti  muldhaate  addaa baasuun fuula duratti ergama Nageenyaa galman gahuufii jedhan. […]

1 min read

Manni murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Abbaa Gadaa Miseensota raayyaa ittisa Biyyaa qabeenyaa nama dhuunfaa qarshii kuma dhibba 2 fi Kuma 46 ol mancaasan hidhaa cimaa waggaa 1 fi qarshii 1000’n adabe.

Himatamtonni Kun waliin ta’uudhaan qabeenyaa nama dhuunfaa irratti miidha qaqqabsiisuuf yaadanii gaafa guyyaa 4-5-2017 halkan keessaa sa’aati 6:00 yeroo ta’uu Kutaa Magaalaa Abbaa Gadaa Aanaa Buttaa mana ragadaa national jedhamU seenuun himatamaa 1ffaan Abinet Alamuu fi himatamaa  2ffaan, Hashim Jamaal  miseensa raayyaa ittisa Biyyaa yoo ta’an himatamaa 3ffaan maqaan isaa Jibril Hajii jedhamuu immoo miseensa […]

1 min read

Ejensiin Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa dameen Adaamaa leenjiistootaa fi leenjiifamtoota gulantaa 2ffaa hanga 4ffaatti  leenji’aa turaniif madaallii gahumsa ogummaa kenne.

Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa OromiyaattiItti gaaftamtuun damee Adaamaa addee Maartaa Waldasamayaat Madaalliin gahumsa ogumma kenname kunkanneen ogummaalee meekaniksii,ijaarsa manaa, ogummaa fayyaa,IT,akkaawuntiingii fi kanneen biroon  barachaa turaniif akkasumaas leenjiistoota,sochoftoota IMX,hojjattoota indaasturii fi leenjiifamtoota ogummaa adda addaatiin gulantaa 2ffaa hanaga 4ffaatiin leenji’aa turan namoota 250’f madaallii gahumsa ogummaa gochaa fi Beekumsaarratti madaallii kennameedhaa  jedhu. Imaammanni leenjii waan […]

1 min read

Bulchiinsaa Magaalaa Adaamaatti buufataalee fayyaa Shan fakkeenya ta’an daawwataman.

******* Dawwanichaan hojiilee kennaa tajaajila, iddoo tursiisaa daa’imni, dijitaalayeezeshinii fi manneen qoricha hawaasaa akkasumas tajaajila inishuransii fayyaa buufata fayyaa Dambalaa,Gadaa,Adaamaa fi Aanoolee akkasumas buufanni fayyaa Hawaas daawwatamaniiru. Kayyoon daawwannicha kan ibsan Itti gaafatamtuun Wajjira Fayyaa Magaalaa Adaamaa Sistaar Samiraa Mohammed  akka magaalattiitti buufataalee 13  kan jiran ta’uu ibsuun, kanneen keessa buufataalee fayyaa shan adda durummaan […]

1 min read

Waajjirri Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Magaalaa Adaamaa Ayyaana Dubartootaa ‘March’ 8 Kabajamu Sababeeffachuun Konfiraansii Kora Haqaa Geggeesse.

Konfiraansichi hoogansa magaalaa haga Aanaatti jiranii fi dubartoota magaalichaa kan hirmaachisedha. Haaromsa Aadaa fi miidhaa koorniyaa irratti bu’uureffate ittisuun akkaataa danda’amu irratti barreeffamni gabaabaan dhiyaachuun mariin irratti gaggeeffameera. Itti gaafatamtuu Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Magaalaa Adaamaa Aadde Rayisaa Juneydii akka Magaalaa Adaamaatti dubartoonni diinagdeen akka cimaniif xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu kaasuun hojii birmadummaa biyyaa kabachiisuun […]