10 May, 2025
1 min read

waajjirri Bulchiinsaf Nageenyaa Magaalaa Adaamaa akkaata Nageenyaa Magaalichaa itti fufsiisuun danda’amuu irratti Hojjettoota egumsaa Dhabbilee dhunfaa waliin marii gaggeesse.

********Mariin gaggeeffamee Kun qindoominna Wajjiira Bulchiinsaf Nageenyaa Magaalichaa, Wajjiira Milishaa fi Qajeelchaa Olaanaa Poolisii Magaalichaa waliin ta’unii. Biyyi tokko misoomni ishii akka ariifatu gochuu fi uummanni misooma irraa fayyadamaa akka ta’u gochuun kan danda’amu yoo nageenyi amansiisaan jiraate qofadha. nageenyi amansiisaa Akka jiraatuu fi  olaantummaa seeraa kabajamee Akka Itti fufufi hawaasichi yaaddoo nageenya tokko malee […]

1 min read

Waajjirri carraa hojii uumuu fi Ogummaa magaalaa Adaamaa sagantaa pirojeektii biqaatiin dargaggoota leenjisaa ture keessaa dargaggoota 1806shaakallii hijiirraatiif dhaabbilee misoomaa garagaraatti dabarsee kenne.

Piroojektichi walta’iinsa mootummaa Federaalaa fi Baankii Addunyaatiin hojiirra kan oole ta’uun ibsameera. Dargaggoonni hoji dhabeeyyii 2200 ol piroojektochaan leenji’aa turan keessaa dargaggoota 1806 dhaabbilee misoomaa garagaraa keessati akka shaakalan ramadiin kennameef.Dargaggootni kunis shaakala hojiirraa akka xumuraniin qaxaramanii carraa hojii kan argatan akka ta’e ibsameera. Saganticha irratti Ministir Deetaa ministeera Hojii fi Ogummaa Obbo Solomoon Sookaa […]

1 min read

“Waldichi erga hundaa’ee eegalee balaawwan uumamaa fi namtochee uummata mudatuuf deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuun lubbuu miiliyoonotaa baraaraa jira”hogganaa waldaa qaxxaamura diimaa damee naannoo Oromiyaa Obbo Mohammad Jamaal.

Guyyaan qaxxaamura diimaa fi addeessa diimaa addunyaa mata duree “Duudhaalee namoomaa itti fufsiifna” jedhuun akka biyyaatti naannoo Oromiyaa magaalaa Adaamaatti sirna adda addaan kabajame. Sirna kabaja guyyichaa kanarratti barreessaa olaanaa waldaa qaxxaamura diimaa Itoophiyaa Obbo Abarraa Luullessaa dabalatee keessummoonni fi hoggantoonni sadarkaa naannoo,magaalaa Adaamaa fi godina sh/bahaa argamaniiru. Kabajni guyyichaa kun qindeessummaa waldaa qaxxaamura diimaa […]