Month: June 2025
Manni murtii ol-aanaa magaalaa Adaamaa waajjira abbaa alangaa magaalichaa waliin ta’uun kenna tajaajila haqaa irratti abukaatota dhuunfaa marisisee.
Itti gaafatamtuun waajjira abbaa alangaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa Aadde Dinqinesh Fayyisaa kaayyoon marichaa ciminoota fi hanqinoota hojimaata keessatti muudatan adda baasuun kenniinsa tajaajila haqaa haala cimsuun danda’amu irratti abukaatotaaf hubannoo waliigalaa uumuuf jedhan. Abukaatonni yaada mariicharratti kaasaniin manni murtii fi waajjirri abbaa alangaa magaalichaa haqaa uummataa mirkaneessuuf sochiin qindoominaan taasisaa jiran kan jajjabefamuudha jedhan. Teeknolojiin […]
Inisheetiivonni Hojiirra Oolaa jiranii fi bu’aan argamaa jiru sagantaa maaddii madaalawaa akka magaalichaatti hojjetamaa jiru bu’a qabeessa ta’uu agarsiisu jedhan kantiibaan Magaalaa Adaamaa Obbo Haayiluu Jaldee.
Magaalaa Adaamaatti Sagantaan agarsiisa Maaddii Madaalawaa eegalame.**Saganticha irrattis hoggansi sektaraalee adda addaa sadarkaan jiranii fi hawaasni argamaniiru . Carraa gurguddaa magaalattiin qabdu fayyadamuun xiqii bara dheeraaf qabnu milkeessuun danda’ameera jedhan Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa Magaalaa Adaamaa Obboo Alamuu Qilxuu.galmoota afran jiran galmaan gahuuf gamaa qonnaan karoorri hixataa baafamee hojjatamaa jiru keessaa maaddiin madaalawaa tokko ta’uu […]
Addaan ciccituun bishaan dhugaatii Magaalichaa rakkoo hamaaf nu Saaxilee Jira jedhan jiraattonni Magaalaa Adaamaa tokko tokko.
Rakkoo Addaan ciccituu bishaan dhugaatii qabatamaan furamuufi akka qabu gaafatan jiraattonni Magaalichaa kunneen. Dhabbaatni tajaajila bishaan dhugaatii fi dhangalaa’aa Magaalichaa gama isaanitiin rakkoo dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu hundeerraa furuuf hojjechaa jiraachuu beeksise.*Bishaan wantoota jiruuf jireenya ilma namaaf bu’uura ta’an keessaa isa ijoo yoo ta’u, dhaabbanni tajaajilaa bishaan dhugaatii fi dhangalaa’aa Magaalaa Adaamaas Waliin ga’insa bishaan […]
Ejensiin Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaa Damee Finfinnee Magaalaa Sabbataatti Namoota Muuxannoo qofaan Hojii Ijaarsa Manaa fi Awutoo Meekaanikii irratti bobba’anii Hojjachaa Jiraniif Madaallii Gahumsa Ogummaa kenne.
Ejensiin Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa Oromiyaatti itti gaafatamaan Damee Finfinneetti obbo Gammachuu Dajanee madaalliin beekkamtii kennuu fi namni iddoo dandeettiin isaaf malu sanatti hojjachuu akka danda’u akkasumaas iddoo qaawa qabu ittiin guutachuuf kan kennamuudha jedhu. Diiniin Kolleejjii Poolii teeknika Sabbataa obbo Salamoon Xurunaa kaayyoon madaallii namoota muuxxannoo adda addaatiin hojii hojjachaa jiran madaaluun beekkamtii kennuudha jechuun,madaallamtoota […]