29 Oct, 2025
1 min read

Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti Yaa’iin Paarlaamaa Daa’immanii waggaa 2ffaa marsaa 1ffaa gaggeeffame.

Af yaa’iin paarlaamaa daa’immanii magaalaa Adaamaa Barataa Amaanu’el Zewduu, paarlamaan daa’immaanii mirgaa fi dirqama isaanii akka beekan,  dhimmoota naannoo fi biyyaa irratti hirmaachuun yaada isaanii akka ibsatanii fi gahumsaa fi itti gaafatamummaan akka itti dhagahamuuf haalawwaan mijaa’aa kan uumuu ta’uu ibsee jira. Yaa’ichaanis gaabaasni raawwii hojii bara 2017 fi karoorri bara 2018 miseensotaaf dhiyaatee jira. […]

1 min read

Yuuniyeeniin hojii Gamtaa Qonnaan Bultootaa Lumee Adaamaa hojii tajaajila lamummaatiin Aanaa Bosat Ganda Dongorree xiyyoo Zoonii 1ffaatti  mana harka qalleeyyii ijaarsisaa ture xumuruun harka qalleeyyiif dabarsee kenne.

Sagantaan ijaarsa mana harka qalleeyyii kun karoora Yuuniyeeniin hojii Gamtaa Qonnaan Bultootaa Lumee Adaamaa hojii tola ooltummaan hojjachuu karoorfate hojjachaa jiruun kan raawwateedha. Saganticharratti argamuun  ergaa kan dabarsan Hoji gaggeessaan  Yuuniyeenii hojii Gamtaa Qonnaan Bultootaa Lumee Adaamaa Obbo Girmaa Silashii maatii harka qalleeyyii bira dhaabachuun ijaarsa raawwachuutti yuuniyeenichatti gammachuun kan dhagahamu ta’uu kaasuun ijaarsi raawwatame […]