02 Jun, 2025
1 min read

18/8/2017Sirna Buusaa Gonofaa Caalaatti cimsuuf qaamni hunduu tumsuu akka qabu himame.Hooggansi Buusaa Gonofaa Oromiyaa Damee Magaalaa Adaamaa Yaa’iisaa Gaggeesse.

Ummanni Oromoo sirna Gadaa keessatti Aadaa inni ittiin wal gargaaru Buusaa Gonofaati.Duudhaan kun egeree ummata Oromoo ijaaruu keessattis ga’ee guddaa qaba jedhan Itti gaafatamaan Buusaa Gonofaa damee bulchiinsa magaalaa Adaamaa Obbo Waadoo Abdulkarim.Kaayyoon isaa Aadaa walgargaarsaa ummata Oromoo dagaagsuu ta’uu kan himan Obbo Waadoon Buusaan Gonofaa damee Adaamaa bara 2014 hundeeffamee haga ammaatti miseensota miliyoona […]

1 min read

Yunivarsitiin Harraambee Barattoota Muummeewwan Barnootaa Adda Addaan Barsiisaa ture 1514 Adaamaatti Eebbisiise.*******Barattootni eebbifamanis sadarkaa barnootaa digrii lammaffaa/maastarsii/ idilee fi ‘Onlaayiniin ‘306  akkasumas kaampaasota yunivarsitichaa shan keessatti   TVET’n kan leenji’an 1208ti. Eebbifamtoota keessaa 990 jechuunis dhibbeentaan 65 dubartoota. Pirezidaantiin yunivarsitii Harraambee doktar Habtaamuu Takkaa yunivarsitichi dhaloota beekkumsaan gahoomsuu maddiitti hojii tajaajila lammummaa boonsaa raawwataara jedhan. Keessumattuu magalaa Adaamaatti qulqullina naannoo fi  fayyaarratti akkasumas manneen barnootaaf meeshaalee deeggaruurratti hojjachuu ibsan. Hariiroon yunivarsitoota biyyaa alaa bebbeekkamoo faana uumames barttootni carraa barnootaa dabalataa akka argatan taasisuun yunivarsitichi bu’aa kan itti galmeesse ta’uu eeran. Abbaan qabeenyaa fi hojigaggeessaa olaanaan Garee Biizinasii Harraambee obbo Fayyisaa Araarsaa jabana  gareen barachuu/mass learning/ irraa ofiin barachuu/self learning/ ceehe faana tarkaanfachuuf mala barnootaa ‘Onlaayiniin’ lammiin carraa barachuu akka argatu uumneera jedhan.  Lammiileenis yeroo hundumaa beekkumsaan of-fooyyesuurratti akka xiyyeeffatan dhaamaniiru. Hoogganaa Ittaanaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa doktar Galaanaa Waldamikaa’el barachuun hin danda’u kan jedhu gara nan danda’aatti jijjiiruudhaaf jedhan. Jamaal Kadiir

1 min read

Magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Abbaa Gadaatti Kabaja Ayyaana faasikaa sababeeffachuun duulli qulqullina naannoo gaggeeffameera.

Duulli qulqullinaa kunis hooggansa fi hordoftoota amantaa Islaamaa aanicha keessa jiran kan hirmaachisedha. itti gaafatamaa waajjira paartii badhaadhinaa Aanaa Dagaagaa obbo Tashoomaa Damee duulli qulqullinaa kun hordoftoota amantaa Islaamaa aanicha keessa jiran kan hirmaachisedha jedha. Fula durattis akka aanichaatti bakkeewwan kosiin irratti gataman qulqulleessaa, hojii misooma Ashaaraa magariisaa babal’isuun cimee kan itti fufu ta’uus himaniiru. […]

1 min read

Baankiin daldala Itoophiyaa distiriiktii Adaamaa waajjira dhimma hojjataaf hawaasummaa magaalichaa waliin ta’uun ayyaana Faasikaa sababeeffachuun qaamaa miidhamtoota harka qal’eeyyii 100 ta’aniif deeggarsa adda addaa taasise.………………………………………Baankichi aadaa fi duudhaa walgargaarsaa biyyattiin qabdu bu’uura godhachuun qaama miidhamtoota harka qal’eeyyii 100 ta’aniif deeggarsa maallaqaa,zayitaa fi daakuu qarshii kuma 360 olitti shallagamu taasisuu hojigaggeessaan distiriiktichaa Obbo Dirribaa Mokonnin ibsaniiru.

Akka biyyaattis baankiin daldala Itoophiyaa baatiwwan saglan darban qofa qashii miil.400 fi kuma 50 ol baasii taasisuun hojiilee tola ooltummaarratti hirmaachaa turuu himaniiru. Itti gaafatamaan waajjira kantiibaa magaalaa Adaamaa Obbo Bariisoo DooriiBaankiin daldala Itoophiyaa baankii ummataa misooma biyyaa keessatti gahee adda durummaa qabu ta’uu himuun deeggarsa baankichi namoota harka qal’eeyyif taasise galateenfataniiru. Itti gaafatamtuun waajjira […]

1 min read

Bulchiinsi magaalaa Adaamaa Ayyana Sooma hiikaa sababeeffachuun jiraattota galii gadi aanaa qabanii fi rakkoolee gara garaaf saaxilamaniif maaddii qoode.

Jiraattota magaalichaa harka qalleeyyii, maanguddoota, maatii hin qabnee fi qaama miidhamtoota 500 ol ta’aniif maaddiin qoodameera. Kantiibaan magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee hojiilee inisheetivii gara garaa akka magaalichaatti hojjetamaa jiran irraa hawaasni fayyadamaa akka ta’u taasifamaa jiraachuu himaniiru. Dhiibbaa jireenyaa hawaasa galii gadaanaa qabanii fi rakkoo hawaasummaa gara garaaf saaxilaman irra gahu salphisuufis bulchiinsi magaalichaa […]

1 min read

Qindoomina Ministeera Galiiwwanii  Damee Adaamaa fi Mana Maree Daldalaa fi Waldaalee Seektaraa Adaamaan Ogeessota herregaaf leenjiin hubannoo labsii  Taaksii dabalata qabeenyaa haaraa 1341/2016 kennamaa jira.

Sirna jalqabsiisa leenjii irratti argamuun kan qalqabsiisan Ministeera galiiwwanii Damee Adaamaatti hojii gaggeessaa Obbo  Salamoon Darribee ergaa dabarsaniin kaayyoon leenjichaa Ogeessonni herregaa  hojmaata taa’een akka hojjatan, rakkoolee kaffaltii gibiraa fi taaksii sassaabuu keessatti mul’atan marii taasisuun walitti dhihaachuun hojjachuuf kan kaayyeffate  ta’uu dubbatan. Pirezidaantiin Mana maree daldalaa fi Waldaalee Seektaraa Adaamaa Obbo Bayyaan Toleeraasagantichatti qooda […]

1 min read

Injifannoo Bitootessa 24 sababeeffachuun hiriirri deeggarsaa uummanni taasisu rakkoo nageenyaa tokko malee akka raawwatuuf qophiin xumuramuu magaalaa Adaamaatti qaamoleen nageenyaa kutaa magaalaa Dambalaa beeksisan.

Kutaa magaalichaatti caasaaleen nageenyaa sadarkaan jiran hiriira deeggarsaa ummanni taasisu irratti Lootee galtoonni fi kanneen nagaa uummataa hin feene rakkoo nageenyaa kamiiyyuu qaqqabsiisuu akka hin dandeenyeef qophiin cimaan taasifamuu dubbataniiru. Jijjiiramnii fi ijaarsi sirnaa biyyichatti mul’ate akka salphaatti hin dhufne kan jedhan caasaaleen nageenyaa kunneen nagaa uummata keenyaa tiksaa jijjiirama dhufe kunuunsuun gahee qaama hundaa […]

2 mins read

Walqixxummaan Dhabamuu fi Sarbamni Mirga Dimokraasii  Ka’uumsa Qabsoo Ta’uun Biyyattiitti Jijjiiramni Akka Dhufu Tolcheera Jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Adaamaa obbo Ashannaafii Ajjamaa.

Obbo Ashannafiin Injifannoo Bitootessa 24n Bu’aalee Argaman Ilaachisuun ABS Wajjiin Turtii Taasisaniiru.*Seenaa Itoophiyaa keessatti gaafiin lafaa,eenyummaa fi dimokraasii kanneen bu’uuraa sirnootni darban deebisuu qaban akka ture kaasuudhaani obbo Ashannaafiin ibsa isaanii kan eegalan. Kanneen biroorratti bifa irra dibaatiinis ta’u yaaliin keessummeessuu turus walqixxummaan dhabamuu fi eenyummaan dhiibamuun abjuun biyya waloon ijaaruu akka hin jiraanne tolchuu […]

1 min read

Biiroon Misooma magaalaa fi manneenii Oromiyaa qajeelfamoota haaraa innisheetivii kilaastara qonnaa fi industurii godoorratti hojjattoota mana qophessaa bulchiinsa magaalaa Adaamaaf leenjii hubannoo uumuu kennaa jira.……………………………………..Leenjii kanarratti keessummoota biiroo misooma magaalaa fi manneenii Oromiyaarraa dhufan dabalatee hojjattoonni mana qopheessaa magaalichaa, kutaalee magaalaa fi aanaalee qooda fudhataniiru.

Qindeessaan innisheetivii qonna magaalota Oromiyaa Obbo Kabbadaa Asaffaa misoomni innisheetivii magaalota Oromiyaa bocamuun bara 2016 hojiitti akka galamu taasifamus, haalli bulchiinsaa fi hojirra oolmaa wal fakkaataa hin turre jedhan. Yeroo ammaa kana qajeelfama haaraa tolchuun sirna bulchiinsaa cimaadhaan innisheetivoonni kanniin guutuu magaalota naannichaatti bifa walfakkaatuun hojiirra akka oolaniif yaadamee leenjiin hubannoo uumuu kun kennamaa jiraachuu […]

1 min read

13/7/2017Baankiin Abisiiniyaa Distiriikti Adaamaa kutaan dhala irraa bilisaa sooma Ramadaana bara kanaa sababeeffachuun  yatimootaaf deeggarsa midhaan nyaata taasise.

Deeggarsi taasifames harka qalleeyyii 70’f tokkoo tokkoo isaaniif  daakuu furnoo kiiloo 5 fi Zayitaa nyaataa liitira 3 yoo ta’u kunis walii galaan qarshii kuma 100 oltti kan tilmaamuu ta’uu baankii Abisiiniyaa diistiriikti Adaamaatti hoogganaan kutaa dhalarraa bilisaa Obbo Bashiir Hajjii himan.Baankichi yeroo gara yerootti hawaasa harka qalleeyyii deeggaraa jiraachuus himan. Qindeessaan hojii tola ooltummaa masjida […]