Year: 2026
Magaalaa Adaamaatti guyyaa yaadannoo injifannoo Adawaa waggaa 130 ffaaf kabajamu sababeefachuun dargaggoota magaalichaa waliin mariin paanaalii gaggeeffame.
23/06/2018ABS(Adama Broadcasting Service )Magaalaa Adaamaatti guyyaa yaadannoo injifannoo Adawaa waggaa 130 ffaaf kabajamu sababeefachuun dargaggoota magaalichaa waliin mariin paanaalii gaggeeffame. Sagantaa ayyaana guyyaa yaadannoo injifannoo Adawaa waggaa 130 ffaaf marii paanaaliin dargaggoota magaalichaa waliin mata duree “imaanaa Adawaa tokkummaa ,birmadummaa fi olkaa’insa biyyaaf ”jedhuun kabajanii jiru. Barreefama sanada ka’uumsa mariif ta’u kan dhiyeessan itti gaaftamaan […]
Injifannoon Adwa mallattoo tokkummaa, gootummaa fi birmadummaa Itoophiyaa ti.
Itoophiyaan biyya sabaafi sablammootni garaagarummaan isaanii osoo hin daangessin yeroo rakkoon guddaan birmadummaa isheetti dhufu tokkummaan dhaabbatanii diina waloon qolataniidha. Bara 1888tti yeroo humni alaa biyya keenya koloneeffachuuf dhufe, uummanni amantaa fi afaan garaagaraa qabu kaayyoo tokko jalatti walitti dhufe. kaayyoon sunis bilisummaa fi kabajaa biyya isaanii ture. Humni diinaa meeshaa waraanaa gurguddaa qabaatus, murannoo […]
