Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti gamaggamni raawwii hojii mootummaa fi paartii kurmaana 4ffaa gaggeeffamaa jira.
1 min read

Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti gamaggamni raawwii hojii mootummaa fi paartii kurmaana 4ffaa gaggeeffamaa jira.

Gamaggama kana irrattis hooggantoonni ol aanoo magaalaa, kutaalee magaalaa fi Aanaalee kan argaman yoo ta’u gabaasni hojii paartii fi mootummaa akkasumas dhaabbata AIG (Adama Investment Group) dhiyaateera.

Kantiibaan magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee kaayyoon gamaggama kanaa waan hojjetame adda baafachuun milkaa’inni gama siyaasaan akkasumas bulchiinsaa fi nageenyaan jiru maal fa’a akka ta’e adda baafachuun bara hojii itti aanuutti hanqinoota maqsuun ciminoota keenya qabannee ce’uufi jedhan.

Qabxiiwwan mariis yaadama badhaadhinaa lafa qabsiisuu,olaantummaa seenessa waloo lafa qabsiisuu, hooggansa biratti hojii qindeessanii hojechuun maal akka fakkaatuu,gurmaa’insa cimaa uumuu,paartii cimaa fi hooggansa cimaa uumuu,qulqullinaa fi ariitiin hojechuu,boqonnaa qophii bara kana fa’a akka magaalaa kanaatti sadarkaa maalirraa akka jiran irratti kan mari’atamu ta’uus himan.

Gamaggamni kunis guyyoota lamaaf itti fufa jedhame.
Gabaasni kan Yordaanos Mokonnin.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *