
Hidhi guddicha haaromsa Itiyoophiyaa mallattoo birmadummaa Itiyoophiyaa fi tokkummaa sabaa fi sablammoota biyyattiiti jedhan bulchaan godina Shawaa bahaa Obbo Abbaabbuu waaqoo
Bulchiinsi godina shawaa bahaa Waancaan hidha guddicha haaromsa Itoophiyaa simachuun sosochii galii walitti qabuu guyyoota 2’f taasisaa ture xumuruun waancicha bulchiinsa magaalaa Mojoof dabarsee kenne.
*******
Sirni wal harkaa fuudhiinsaa kun magaalaa maqiitti kan raawwate yoo ta’u hoggansa godinichaa fi aanaalee godinichaa dabalatee bakka qaamoleen hawaasaa garagaraa argamanitti taasifame.
Kantiibaan magaalaa Maaqii Injinar Dilboo Urgeessaa hidhi guddichi Itiyoophiyaa kutannoo gaggeessaa fi lammiilee biyyattiitiin xumurarra gahuu himuun yoo gamtoomnee hojjanne injifannoon hidha guddichaan eegalame itti fufee hiyyummaa seenaa taasisa jedhan.
Bulchaan godinichaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo Hidhi guddich haaromsa Itiyoophiyaa mallattoo birmadummaa Itiyoophiyaa fi tokkummaa sabaa fi sablammoota biyyattiiti jedhan.
Hidhichi akka galma hin geenyeef kallattii hedduun otoo itti duulamuu kutannoo mootummaa jijjiiramaa fi uummata biyyichaan xumuraaf qaqqabuu ibsuun sosochii kutaaleen hawaasaa,qaamoleen nageenyaa fi hoggansi sadarkaan jiru taasisaniif galateenfataniiru.
Aanaaleen godinichaa sosochii galii walitti qabuu keessatti gahee ofii bahachaa turanis hirmaannaa hawaasaa cimsuun hanga xumuraatti kutannoon kan hojjatan ta’uu dubbataniiru. Bulchiinsi magaalaa mojoos waancicha simachuun ofitti fudhateera.
Firaa’ol Doddee