09 Jul, 2025
1 min read

Waajjirrii carraa hojii uumuu fi oogummaa magaalaa Adaamaa baankii siinqee damee Adaamaa waliin ta’uun haala bulchiinsa faayinaansii hoogganuun danda’amu irratti waldaalee IMX fi intarpiraayzootaaf leenjii kennee.

Ittii gaafatamaan waajjira carraa hojii uumuu fi oogummaa magaalaa Adaamaa obbo Abdulqaadir Xayyibuu akka jedhanitti sochii fi sirna bulchiinsa faayinaansii mirkaneessuun guddina biyya tokkoof murteessaa ta’uu kaasanii kaayyoon leenjichaas qabiinsa faayinaansii irratti hubannoo cimsuuf akka ta’e himan. Baankii siinqee damee Adaamaatti hoogganaan liiqii Obbo Ismaa’il Kadiiroo baankichi waldaalee hedduuf tajaajila liiqii fi qusannaa mijeesse kennaa […]

1 min read

Magaalaa Adaamaatti Waldaan Tola Ooltummaa Tsinaat Dubartootaa Dhibee HIV AIDS dhiiga isaanii keessaa  jiru waliin  Guyyaa Dubartootaa Adunyaa Kabaje. **Waldaan Tola Ooltummaa  namoota dhukkuba ‘HIV EIDS’ wajjiin jiraatanii Tsinaat keessumattuu Dubartoota  irratti xiyeeffachuun gorsa ogummaa kennuu akkasumas barmaatilee miidhaa geessisan haala hambisuun danda’amurratti hojjata jetti hundeessituun waldichaa addee Gannat Bayechaa.  Kanuma bu’uura taasifachuun Magaalaa Adaamaatti […]

1 min read

Barattoonni fi hojjettonni Yunivarsitii saayinsii fi teeknolojii Adaamaa guyyaa dubartootaa idi addunyaa “march 8” kabajan.

Guyyaan dubartootaa “march 8” akka adduunyaatti yeroo 114ffaaf  akka Itiyoophiyaatti yeroo 49ffaaf kabajamaa jira. Ittii gaafatamtuun dhimma dubartootaa fi hawaasummaa yunivarsitii saayinsii fi teeknolojii Adaamaa Aadde Sawunnat Booraa kaayyoon kabaja guyyichaa walqixxummaa dubartootaa mirkaneessuf hojiilee akka yunivarsitichaatti hojjatamaa jiran yaadachisuu fi  itti fufiinsa isaa irratti qaamoleen hunduu tumsa akka taasisaniif kaka’umsa uumuuf ta’uu dubbatan. Pirezadaantiin […]

1 min read

Biiroon Fayyaa Oromiyaa Advookeesii Too’annoo Weerara Dhibee Busaa Irratti Qooda Fudhattoota Naannolee Garagaraa Wajjiin Marii Gaggeessaa Jiraa.

Dhibeen Busaa lubbuu balleessuu qofa osoo hin taane sochii hawaasa Diinagdee biyyaa kan miidhuudha – BFO Sagantaa ittisa dhibichaafi hawaasa dadamaqsuuf qophaa’e kanarratti qaamolee qindoominnaa garagaraa dabalatee Abbootiin gadaafi haadholiin siinqee argamaniiru. Dhibeen kun kanaan dura fayyaa hawaasaa miidhaa turuufi yeroo amma immoo Biirichi xiyyeeffannoo addaatiin tatta’amsina isaa maseensuuf tahuunis barreeffama gabaabaa dhiyaateen eerameera. Dhibeen […]

1 min read

Bulchiinsaa Magaalaa Adaamaatti buufataalee fayyaa Shan fakkeenya ta’an daawwataman.

******* Dawwanichaan hojiilee kennaa tajaajila, iddoo tursiisaa daa’imni, dijitaalayeezeshinii fi manneen qoricha hawaasaa akkasumas tajaajila inishuransii fayyaa buufata fayyaa Dambalaa,Gadaa,Adaamaa fi Aanoolee akkasumas buufanni fayyaa Hawaas daawwatamaniiru. Kayyoon daawwannicha kan ibsan Itti gaafatamtuun Wajjira Fayyaa Magaalaa Adaamaa Sistaar Samiraa Mohammed  akka magaalattiitti buufataalee 13  kan jiran ta’uu ibsuun, kanneen keessa buufataalee fayyaa shan adda durummaan […]

1 min read

Biiroon Fayyaa Oromiyaa haala walqixxummaa koorniyaa mirkaneessun danda’amu irratti qooda fudhattoota waliin magaalaa Adaamaatti marii gaggeesse.

Hoogganaa itti aanaa biiroo fayyaa oromiyaa obbo Darajjee Abdannaa akka jedhanitti seektarri fayyaa walqixxummaa koorniyaa mirkaneessuu irratti bal’inaan hojjetaa jiraachuu himanii kaayyoon marichaas fayyadamummaa koorniyaa idileessuuf qaamni hunduu gahee isaa akka bahatu hubannoo cimsuuf jedhan. Miidhaan koorniyaa walqabatee gahuu akka laayyootti kan ilaalamuu miti kan jedhan obbo Darajjeen kana hundeerraa furuuf seektara fayyaa qofa osoo […]

1 min read

Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa fi Caffee Oromiyaatti Bakka Buutotni  Adaamaa fi Miseensotni Koree  Dhaabbii Mana Marii Magaalaa Adaamaa Piroojaktii Bishaan Dhugaatii Mojoo-Adaamaa Daawwatan.***Piroojaktichi qarshii biliyoona 9 bajata qaama adda addaarraa argameen hojjatama.

Maddoota bishaanii 10 piroojaktichaa keessaa 6 raawwatamuutu eerame. Piroojaktichi Kuusaa bishaanii 15 tokkoon tokkoosaanii meetirkuubii miliyoona  sadihii hanga miliyoona shanii kuusan kan qabuudha. Kana keessaa kuusni bishaanii 13 xumuramaniiru jedhan hojigaggeessaan dhababata Bishaan Dhugaatii fi Dhangala’aa Magaalaa Adaamaa obbo Ahimad Abduljaliil. Sarara bishaanii Mojoo hanga Adaamaa 34 keessaa 30n  diriirfamuu kaasan. Hojiin waliigalaa pirojkatichaa dhibbeentaa […]