Category: Oduu
13/7/2017Baankiin Abisiiniyaa Distiriikti Adaamaa kutaan dhala irraa bilisaa sooma Ramadaana bara kanaa sababeeffachuun yatimootaaf deeggarsa midhaan nyaata taasise.
Deeggarsi taasifames harka qalleeyyii 70’f tokkoo tokkoo isaaniif daakuu furnoo kiiloo 5 fi Zayitaa nyaataa liitira 3 yoo ta’u kunis walii galaan qarshii kuma 100 oltti kan tilmaamuu ta’uu baankii Abisiiniyaa diistiriikti Adaamaatti hoogganaan kutaa dhalarraa bilisaa Obbo Bashiir Hajjii himan.Baankichi yeroo gara yerootti hawaasa harka qalleeyyii deeggaraa jiraachuus himan. Qindeessaan hojii tola ooltummaa masjida […]
Komishiniin Naamusaa fi farra malaammaltummaa Oromiyaa damee jiddu gala bahaa, Komishinii inispeekshinii Naamusa Paartii Badhaadhinaa Magaaaa Adaamaa waliin qindoominaan hojjechuuf sanada walii galtee hojii mallatteessan.
Komishinichi qabsoo farra malaammaltummaa keessatti ejjennoon paartii badhaadhinaaf gaheen caasaa ‘KIN’maali kan jedhu irratti leenjii hubannoo uumuu hoogansa magaalaa Adaamaa sadarkaan jiraniif kenneera. Komishinii naamusaa fi farra malaammaltummaa Oromiyaatti itti gaafatamaan damee giddu gala bahaa Obbo Jireenyaa Taaddasaa hojiin farraa malaammaltummaa hojii qindoominaa fi hirmaannaa nama hudaa barbaadudha jedhan. Murtii murtaa’uuf hojii hojjetamu keessatti iftoomnni […]
Adaamaa investimanti giruuppiin killeefi aannan gatii madaalawaan dhiheessuu erga eegalee fayyadamaa taaneerra jedhan hojjettootni mootummaa fi jiraattonni magaalaa Adaamaa tokko tokko.
ABS dhiyeessin Aannanii fi Killee AIG sadarkaa maaliirra akka jiru ilaaleera. Hawaasnii fi jiraattonni magaalicha tokko tokko yaadaa ABS’f kennaniin Aannan liitirri tokko gabaa idileetti qarshii 80-90 ta’uu himanii AIGtti garuu qarshii 60 ta’uu dubbatu.Killeen tokko gabaa idileetti qarshii 13-15 yoo ta’uu asitti ammoo qarshii 10 ta’uu himan. Garaagarummaa gatii qofaa osoo hin taanee dhiyeessi […]
Waajjirrii carraa hojii uumuu fi oogummaa magaalaa Adaamaa baankii siinqee damee Adaamaa waliin ta’uun haala bulchiinsa faayinaansii hoogganuun danda’amu irratti waldaalee IMX fi intarpiraayzootaaf leenjii kennee.
Ittii gaafatamaan waajjira carraa hojii uumuu fi oogummaa magaalaa Adaamaa obbo Abdulqaadir Xayyibuu akka jedhanitti sochii fi sirna bulchiinsa faayinaansii mirkaneessuun guddina biyya tokkoof murteessaa ta’uu kaasanii kaayyoon leenjichaas qabiinsa faayinaansii irratti hubannoo cimsuuf akka ta’e himan. Baankii siinqee damee Adaamaatti hoogganaan liiqii Obbo Ismaa’il Kadiiroo baankichi waldaalee hedduuf tajaajila liiqii fi qusannaa mijeesse kennaa […]
Magaalaa Adaamaatti Waldaan Tola Ooltummaa Tsinaat Dubartootaa Dhibee HIV AIDS dhiiga isaanii keessaa jiru waliin Guyyaa Dubartootaa Adunyaa Kabaje. **Waldaan Tola Ooltummaa namoota dhukkuba ‘HIV EIDS’ wajjiin jiraatanii Tsinaat keessumattuu Dubartoota irratti xiyeeffachuun gorsa ogummaa kennuu akkasumas barmaatilee miidhaa geessisan haala hambisuun danda’amurratti hojjata jetti hundeessituun waldichaa addee Gannat Bayechaa. Kanuma bu’uura taasifachuun Magaalaa Adaamaatti […]
Barattoonni fi hojjettonni Yunivarsitii saayinsii fi teeknolojii Adaamaa guyyaa dubartootaa idi addunyaa “march 8” kabajan.
Guyyaan dubartootaa “march 8” akka adduunyaatti yeroo 114ffaaf akka Itiyoophiyaatti yeroo 49ffaaf kabajamaa jira. Ittii gaafatamtuun dhimma dubartootaa fi hawaasummaa yunivarsitii saayinsii fi teeknolojii Adaamaa Aadde Sawunnat Booraa kaayyoon kabaja guyyichaa walqixxummaa dubartootaa mirkaneessuf hojiilee akka yunivarsitichaatti hojjatamaa jiran yaadachisuu fi itti fufiinsa isaa irratti qaamoleen hunduu tumsa akka taasisaniif kaka’umsa uumuuf ta’uu dubbatan. Pirezadaantiin […]
Biiroon Fayyaa Oromiyaa Advookeesii Too’annoo Weerara Dhibee Busaa Irratti Qooda Fudhattoota Naannolee Garagaraa Wajjiin Marii Gaggeessaa Jiraa.
Dhibeen Busaa lubbuu balleessuu qofa osoo hin taane sochii hawaasa Diinagdee biyyaa kan miidhuudha – BFO Sagantaa ittisa dhibichaafi hawaasa dadamaqsuuf qophaa’e kanarratti qaamolee qindoominnaa garagaraa dabalatee Abbootiin gadaafi haadholiin siinqee argamaniiru. Dhibeen kun kanaan dura fayyaa hawaasaa miidhaa turuufi yeroo amma immoo Biirichi xiyyeeffannoo addaatiin tatta’amsina isaa maseensuuf tahuunis barreeffama gabaabaa dhiyaateen eerameera. Dhibeen […]
Bulchiinsaa Magaalaa Adaamaatti buufataalee fayyaa Shan fakkeenya ta’an daawwataman.
******* Dawwanichaan hojiilee kennaa tajaajila, iddoo tursiisaa daa’imni, dijitaalayeezeshinii fi manneen qoricha hawaasaa akkasumas tajaajila inishuransii fayyaa buufata fayyaa Dambalaa,Gadaa,Adaamaa fi Aanoolee akkasumas buufanni fayyaa Hawaas daawwatamaniiru. Kayyoon daawwannicha kan ibsan Itti gaafatamtuun Wajjira Fayyaa Magaalaa Adaamaa Sistaar Samiraa Mohammed akka magaalattiitti buufataalee 13 kan jiran ta’uu ibsuun, kanneen keessa buufataalee fayyaa shan adda durummaan […]
Biiroon Fayyaa Oromiyaa haala walqixxummaa koorniyaa mirkaneessun danda’amu irratti qooda fudhattoota waliin magaalaa Adaamaatti marii gaggeesse.
Hoogganaa itti aanaa biiroo fayyaa oromiyaa obbo Darajjee Abdannaa akka jedhanitti seektarri fayyaa walqixxummaa koorniyaa mirkaneessuu irratti bal’inaan hojjetaa jiraachuu himanii kaayyoon marichaas fayyadamummaa koorniyaa idileessuuf qaamni hunduu gahee isaa akka bahatu hubannoo cimsuuf jedhan. Miidhaan koorniyaa walqabatee gahuu akka laayyootti kan ilaalamuu miti kan jedhan obbo Darajjeen kana hundeerraa furuuf seektara fayyaa qofa osoo […]
Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa fi Caffee Oromiyaatti Bakka Buutotni Adaamaa fi Miseensotni Koree Dhaabbii Mana Marii Magaalaa Adaamaa Piroojaktii Bishaan Dhugaatii Mojoo-Adaamaa Daawwatan.***Piroojaktichi qarshii biliyoona 9 bajata qaama adda addaarraa argameen hojjatama.
Maddoota bishaanii 10 piroojaktichaa keessaa 6 raawwatamuutu eerame. Piroojaktichi Kuusaa bishaanii 15 tokkoon tokkoosaanii meetirkuubii miliyoona sadihii hanga miliyoona shanii kuusan kan qabuudha. Kana keessaa kuusni bishaanii 13 xumuramaniiru jedhan hojigaggeessaan dhababata Bishaan Dhugaatii fi Dhangala’aa Magaalaa Adaamaa obbo Ahimad Abduljaliil. Sarara bishaanii Mojoo hanga Adaamaa 34 keessaa 30n diriirfamuu kaasan. Hojiin waliigalaa pirojkatichaa dhibbeentaa […]