14 Apr, 2026

Latest News

1 min read

Baankiin Awaash Riijinii Adaamaa Hawaasa Muslimaa Maamiltootasaaf Sagantaa Ifxaaraa Gaggeesse.

Baankiin Awaash Riijinii Adaamaa Hawaasa Muslimaa Maamiltootasaa Adaamaaf Sagantaa Ifxaaraa Gaggeesse. Hooggantootni fi hawaasni muslimaa maamiltoota baankii Awaash saganticharratti argamaniiru. Baankichi dameewwan garagaraa biyyattii keessa jiran jalatti hawaasa muslimaa maammila ta’an miliyoona 3.5 horateera jedhan hojigaggeessaa Olaanaan Dhimmoota Maarkeetiingii Baankii Awaash obbo Yohaannis Margaa. Tajaajila Baankii  dhalarraa bilisaa dameewwan hundatti kennamu dabalataatti Awaash Iklaas moggaasa jedhuun dameewwan 50 […]
1 min read

Dinagdeen qonnan bultoota humneessuuf mootummaan Xiyyeeffannoo kenne hojjechaa Jirachuu Kantibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee dubbatan.

Dinagdeen qonnan bultoota humneessuuf mootummaan Xiyyeeffannoo kenne hojjechaa Jirachuu Kantibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee dubbatan. Bulchiinsi Magaalaa Adaamaa qonnan bultoota Aanaa Awaash malkaa sa’aa Waldaan gurmaa’aniif Paampii bishaanii fi Gaagura Ammayyaa kenne . **Itti gaafatamaan Wajjiira qonnaBulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Alamuu Qilxuu Mootummaan Badhaadhina maatii galman gahuuf hojii qonnaf xiyyeeffannoo Kenne hojjechaa jiruun,qonnan […]
1 min read

Magaalaa Adaamaatti guyyaa yaadannoo injifannoo Adawaa waggaa 130 ffaaf kabajamu sababeefachuun dargaggoota magaalichaa waliin mariin paanaalii gaggeeffame.

23/06/2018ABS(Adama Broadcasting Service )Magaalaa Adaamaatti guyyaa yaadannoo injifannoo Adawaa waggaa 130 ffaaf kabajamu sababeefachuun dargaggoota magaalichaa waliin mariin paanaalii gaggeeffame. Sagantaa ayyaana guyyaa yaadannoo injifannoo Adawaa waggaa 130 ffaaf marii paanaaliin dargaggoota magaalichaa waliin mata duree “imaanaa Adawaa tokkummaa ,birmadummaa fi olkaa’insa biyyaaf ”jedhuun kabajanii jiru. Barreefama sanada ka’uumsa mariif ta’u kan dhiyeessan itti gaaftamaan […]

Features and Events

1 min read

Bulchiinsaa Magaalaa Adaamaatti buufataalee fayyaa Shan fakkeenya ta’an daawwataman.

******* Dawwanichaan hojiilee kennaa tajaajila, iddoo tursiisaa daa’imni, dijitaalayeezeshinii fi manneen qoricha hawaasaa akkasumas tajaajila inishuransii fayyaa buufata fayyaa Dambalaa,Gadaa,Adaamaa fi Aanoolee akkasumas buufanni fayyaa Hawaas daawwatamaniiru. Kayyoon daawwannicha kan ibsan Itti gaafatamtuun Wajjira Fayyaa Magaalaa Adaamaa Sistaar Samiraa Mohammed  akka magaalattiitti buufataalee 13  kan jiran ta’uu ibsuun, kanneen keessa buufataalee fayyaa shan adda durummaan […]

1 min read

Waajjirri Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Magaalaa Adaamaa Ayyaana Dubartootaa ‘March’ 8 Kabajamu Sababeeffachuun Konfiraansii Kora Haqaa Geggeesse.

Konfiraansichi hoogansa magaalaa haga Aanaatti jiranii fi dubartoota magaalichaa kan hirmaachisedha. Haaromsa Aadaa fi miidhaa koorniyaa irratti bu’uureffate ittisuun akkaataa danda’amu irratti barreeffamni gabaabaan dhiyaachuun mariin irratti gaggeeffameera. Itti gaafatamtuu Waajjira Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Magaalaa Adaamaa Aadde Rayisaa Juneydii akka Magaalaa Adaamaatti dubartoonni diinagdeen akka cimaniif xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu kaasuun hojii birmadummaa biyyaa kabachiisuun […]

1 min read

Biiroon Fayyaa Oromiyaa haala walqixxummaa koorniyaa mirkaneessun danda’amu irratti qooda fudhattoota waliin magaalaa Adaamaatti marii gaggeesse.

Hoogganaa itti aanaa biiroo fayyaa oromiyaa obbo Darajjee Abdannaa akka jedhanitti seektarri fayyaa walqixxummaa koorniyaa mirkaneessuu irratti bal’inaan hojjetaa jiraachuu himanii kaayyoon marichaas fayyadamummaa koorniyaa idileessuuf qaamni hunduu gahee isaa akka bahatu hubannoo cimsuuf jedhan. Miidhaan koorniyaa walqabatee gahuu akka laayyootti kan ilaalamuu miti kan jedhan obbo Darajjeen kana hundeerraa furuuf seektara fayyaa qofa osoo […]

1 min read

Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataa fi Caffee Oromiyaatti Bakka Buutotni  Adaamaa fi Miseensotni Koree  Dhaabbii Mana Marii Magaalaa Adaamaa Piroojaktii Bishaan Dhugaatii Mojoo-Adaamaa Daawwatan.***Piroojaktichi qarshii biliyoona 9 bajata qaama adda addaarraa argameen hojjatama.

Maddoota bishaanii 10 piroojaktichaa keessaa 6 raawwatamuutu eerame. Piroojaktichi Kuusaa bishaanii 15 tokkoon tokkoosaanii meetirkuubii miliyoona  sadihii hanga miliyoona shanii kuusan kan qabuudha. Kana keessaa kuusni bishaanii 13 xumuramaniiru jedhan hojigaggeessaan dhababata Bishaan Dhugaatii fi Dhangala’aa Magaalaa Adaamaa obbo Ahimad Abduljaliil. Sarara bishaanii Mojoo hanga Adaamaa 34 keessaa 30n  diriirfamuu kaasan. Hojiin waliigalaa pirojkatichaa dhibbeentaa […]

1 min read

Kallaatti fi murtoo yaa’ii 2ffaa Paartii Badhaadhina irratti Bulchiinsi Aanaa Irreechaa marii Kutaalee Hawaasa adda addaa hirmachiiisee gaggeesse .

*** Paartiin Badhaadhinaa yaa’ii 2ffaa mata duree “Waadaa hanga aadeffannaatti” jedhuun gaggeesseen dhimmoota garaa garaa irratti murtee dabarsuun kallattii kaa’uun isaa kan yaadatamu akka ta’e Barreeffama mariif dhiyyaate keessatti ibsamee Jira. Murteewwanii yaa’ii kanaan darbanii fi kallattiiwwan kaa’aman kunniin gaaffiilee hawaasaa rog-daneessa ta’aniif deebii kan kennan akkasumas fedhii fi faayidaa uummataa kan bu’uureffatan ta’uu kutaaleen […]

1 min read

Hojii investimentiif haala mijataa Magaalaan Adaamaa qabdu sochii investimentii magaalatti si’eessa jiraachuun ibsame.

15/06/2017 ABS(Adama Broadcasting Service) Hojii investimentiif haala mijataa Magaalaan Adaamaa qabdu sochii investimentii magaalatti si’eessa jiraachuun ibsame. ******************** Magaalattiitti Dhabbanni Raabsaa bobba’a Giriin Peetiroliyaamii baasii qarshii miliyoona 60 ol ijaaramaa ture xumuraamuun ebbifamee hojii jalqabe. ******* Abbaan Qabeenyaa Dhabbataa Raabsaa Boba’aa Giriin Peetirooliyeemii Obboo Nigaatuu Yilmaa Dhaabbani kun akka biyyattiitti dameelee 54 kan qabuu yoo […]

1 min read

Jilli Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leedaamoo Adaamaa Dawaataan

14/06/2017 ABS(Adama Broadcasting Service) Jilli Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leedaamoo fi Ministirrri Ministeera Galiiwwanii Aadde Ayinaalam Nuguseetiin durfamu Magaalaa Adaamaatti Gamoo tajaajila waliigalaa fi wiirtuu kenna tajaajila iddoo tokkoo “Gaaddisa Odaa” daawwatan. Kenni tajaajila “Gaaddisa Odaa” Galmoota guddina misooma akka magaalaa Adaamaatti kaa’aman dhugoomsuuf yaadama ‘smart Adama ‘hojiirra oolchuun hojjetamaa turuu fi rakkoolee […]

1 min read

Waajjirri Buusaa Gonofaa damee Adaamaa harka qalleeyyoota 50’f deeggarsa midhaan nyaataa taasisee.

13/06/2017 ABS(Adama Broadcasting Service) Waajjirri Buusaa Gonofaa damee Adaamaa harka qalleeyyoota 50’f deeggarsa midhaan nyaataa taasisee. ********** Ittii gaafatamaan waajjira Buusaa Gonofaa damee Adaamaa obbo Waadoo Abdulkariim akka jedhanitti akka magaalichaatti buusaan gonofaa namoota harka qalleeyyii ta’an calaluun yeroo garagaraatti deeggarsa taasisaa turu himanii guyyaa har’as namoota 50 ta’aniif deeggarsi midhaan nyaataa taasifameera jedhan. Deeggarsi […]